1. fuula hangafaa ykn tokkoffaa
  2. tarreewwan
  3. fiqhiifii beekkomsa hundee isaa

hadiisa Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hoolaa buburree gaafa qabu lama uduuhiyyaaf qalani, miila isaanii morma hoolaa irra kaa'anii bismillaahi Allaahu Akbar jechaa harka ofiitiin gorra'ani

عَنْ أَنَسٍ رَضيَ اللهُ عنهُ قَالَ:
ضَحَّى النَّبِيُّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ بِكَبْشَيْنِ أَمْلَحَيْنِ أَقْرَنَيْنِ، ذَبَحَهُمَا بِيَدِهِ، وَسَمَّى وَكَبَّرَ، وَوَضَعَ رِجْلَهُ عَلَى صِفَاحِهِمَا.

Anas irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe:
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hoolaa buburree gaafa qabu lama uduuhiyyaaf qalani, miila isaanii morma hoolaa irra kaa'anii bismillaahi Allaahu Akbar jechaa harka ofiitiin gorra'ani.

sirrii Bukharif muslim irratti waliigalan Sahiiha bukhaarii - 5565

Ibsaa

Anas -Rabbi isa irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- guyyaa Iid Al-Adahaa harka ofiitiin korbeessa hoolaa aadii gurraacha makatu kan gaafa qabu lama, miila isaanii morma hoolaa irra kaa'uun Bismillaah Allaahu Akbar jechaa uduhiyyaaf akka gorra'an hime.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Uduhiyyaan karaa godhamuu isaa fi muslimoonni akka irratti wolii galaniidha.
  2. Uduhiyyaan irra caalaan isaa gosa nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- qalan kana ta'uudha; ilaalchatti bareedaa fi foonii fi coomni isaas irra gaarii waan ta'eef jecha.
  3. Aalimni Islaamaa Nawawiin akkas jedhe: namni uduhiyya godhu ofii uduhiyyaa isaa ofii isaatiif gorra'uun jaallatamaa ta'uutu keessa jira, uzuriin maleetti gorraasuuf nama bakka hin buufatu, nama bakka buufate yoo ta'e gorraasuu isaa irrattii argamuu qaba, muslima bakka yoo buufate wol dhabbii tokkoon maletti ni danda'ma.
  4. Aalimni Islaamaa Ibnu hajar akkas jedhe: yeroo gorraasuu Allaahu Akbarii woliin Bismillaah jechuun jaallatamaa ta'uutu keessa jira, akkasumas morma isaa mirgaa irra miila kaa'uunis jaallatamaa ta'uu isaa, gara bitaa irra akka ciifsamee miila isaa cinaa isaa kan mirgaa irra akka kaa'uu qabus irratti wolii galaniiru, namni gorra'u albee mirgaan qabatee mataa hoolaa bitaan qabata; gorraasuun akka isatti laafaa ta'uuf jecha.
  5. Uduhiyyaan kan gaafa qabuun jaallatamaa ta'uu isaa, kan hin qabneenis ni ta'a.

Garsisuu hiikowani

53 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
UG ئۇيغۇرچە igooriffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
TA தமிழ் afaan taamilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
KY Кыргызча qargiiziffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
CS Čeština cheekiffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
AZ Azərbaycan azriffaa
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية