1. fuula hangafaa ykn tokkoffaa
  2. tarreewwan
  3. sadarkaaleefii naamusoota

hadiisa Hariira qallaa fi furdaas hin uffatinaa, meeshaa warqee fi meetii irraas hin dhuginaa, meeshaa isaan irraa hojjetame keessatti hin nyaatinaa, isheen addunyaa irratti isaaniifi (kaafiroota), Aakhiraatti ammoo nuufi

عَن عَبْدِ الرَّحْمَنِ بْنِ أَبِي لَيْلَى أَنَّهُمْ كَانُوا عِنْدَ حُذَيْفَةَ، فَاسْتَسْقَى فَسَقَاهُ مَجُوسِيٌّ، فَلَمَّا وَضَعَ القَدَحَ فِي يَدِهِ رَمَاهُ بِهِ، وَقَالَ: لَوْلاَ أَنِّي نَهَيْتُهُ غَيْرَ مَرَّةٍ وَلاَ مَرَّتَيْنِ -كَأَنَّهُ يَقُولُ: لَمْ أَفْعَلْ هَذَا-، وَلَكِنِّي سَمِعْتُ النَّبِيَّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ يَقُولُ:
«لاَ تَلْبَسُوا الحَرِيرَ وَلاَ الدِّيبَاجَ، وَلاَ تَشْرَبُوا فِي آنِيَةِ الذَّهَبِ وَالفِضَّةِ، وَلاَ تَأْكُلُوا فِي صِحَافِهَا، فَإِنَّهَا لَهُمْ فِي الدُّنْيَا وَلَنَا فِي الآخِرَةِ».

Abdurrahmaan bin Abii Leylaa irraa odeeffame, Isaan Huzeyfaa bira turan, Bishaan akka obaasan gaafatee, namichi majuusiin tokko isa obaase, meeshaa ittiin dhugan harka isaa keessa kaahee jennaan isaan isa darbatee, akkas jedhe: osoon ani yeroo tokko ykn yeroo lama isa dhoorguu dhabee -akka waan akkas jedhu fakkaata: silaa kana hin dalagu- haa ta'u malee Nabiyyii -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- akkas jedhuun dhagahe:
«Hariira qallaa fi furdaas hin uffatinaa, meeshaa warqee fi meetii irraas hin dhuginaa, meeshaa isaan irraa hojjetame keessatti hin nyaatinaa, isheen addunyaa irratti isaaniifi (kaafiroota), Aakhiraatti ammoo nuufi».

sirrii Bukharif muslim irratti waliigalan Sahiiha bukhaarii - 5426

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- dhiironni hariira gosa isaa hunda akka hin uffanne dhoorgan. Dhiirotaa fi Dubartoota meeshaa warqee fi meetii keessatti akka hin nyaanne fi hin dhugne dhorganiiru. Guyyaa qiyaamaa isheen mu'umintoota qofaaf akka qulqulluu taate himaniiru; sababni isaas Rabbiif tole jechuuf biyya duniyaa keessatti ishee irraa waan fagaataniif jecha. Kaafiroonni ammoo jiruu Aakiraa keessatti ishee hin qabaatan; sababni isaas isaan jireenya duniyaa isaanii keessatti ishetti fayyadamanii, ajaja Rabbii diduu isaanitiin wantoota gaggaarii isaanii keessatti waan ariifataniif jecha.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Dhiironni uffata hariiraa qallaa fi furdaas akka hin uffanne dhoorguu fi warra isa uffataniif akeekkachiisa cimaa dabarsuu.
  2. Dubartootaaf hariira qallaa fi furdaa uffachuun ni hayyamamaadha.
  3. Dhiirotaa fi dubartootaaf saanii fi meeshaa warqee fi meetii keessatti nyaachuu fi dhuguun dhorgaa tahuudha.
  4. Huzeyfaan Rabbiin irraa haa jaalatu, dubbii kana mormuu keessatti jabeessee, meeshaa warqee fi meetii fayyadamuu irraa irra deddeebi'ee inni kan isa dhoorge tahuu ibseera, garuu inni baratee irraa dhoorgamuu hin dandeenye.

Garsisuu hiikowani

57 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
UG ئۇيغۇرچە igooriffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
TA தமிழ் afaan taamilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
KY Кыргызча qargiiziffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
YO Yorùbá yoorbaffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
SO Soomaali HSomaaliffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
CS Čeština cheekiffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
AZ Azərbaycan azriffaa
UZ O‘zbek uzbeekiffaa
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية
KMR Kurmancî الكرمنجية