1. fuula hangafaa ykn tokkoffaa
  2. tarreewwan
  3. fiqhiifii beekkomsa hundee isaa

hadiisa Ani nama baayʼee bishaan (mazyiin) qaama saalaa irraa dhangala'u ture, intalti isaanii waan nabira jirtuuf jecha Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gaafachuu saalfadheetiin Miqdaad ilma Aswad akka isaan naaf gaafatuuf jecha ergee, gaafatee jennaan, isaanis akkana jedhan: “Qaama saalaa isaa dhiqatee wuduu’a godhata

عَنْ عَلِيٍّ رضي الله عنه قَالَ:
كُنْتُ رَجُلًا مَذَّاءً وَكُنْتُ أَسْتَحْيِي أَنْ أَسْأَلَ النَّبِيَّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ لِمَكَانِ ابْنَتِهِ فَأَمَرْتُ الْمِقْدَادَ بْنَ الْأَسْوَدِ فَسَأَلَهُ فَقَالَ: «يَغْسِلُ ذَكَرَهُ وَيَتَوَضَّأُ». وَلِلبُخَاريِّ: فَقَالَ: «تَوَضَّأْ وَاغْسِلْ ذَكَرَكَ».

Aliyyi irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkas jedhe:
Ani nama baayʼee bishaan (mazyiin) qaama saalaa irraa dhangala'u ture, intalti isaanii waan nabira jirtuuf jecha Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gaafachuu saalfadheetiin Miqdaad ilma Aswad akka isaan naaf gaafatuuf jecha ergee, gaafatee jennaan, isaanis akkana jedhan: “Qaama saalaa isaa dhiqatee wuduu’a godhata". Akka Bukhaariin gabaasetti immoo akkana jedhan: “wuduu’a godhadhuutii qaama saalaa kee dhiqi”. ​

sirrii Bukharif muslim irratti waliigalan Sahiiha muslim - 303

Ibsaa

Aliyyii bin Abii Xaalib -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- yeroo baay’ee mazyiin akka isa irraa bahu hime -innis bishaan qal'aa mucucaataa kan yeroo fedhii saalaa ykn walqunnamtii saalaa dura qaama saalaa irraa bahuudha. Maal gochuu akka qabu hin beekne, Rasuulas -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gaafachuu saalfate, Sababni isaas Abbaa manaa Faaximaa intala Rasuulaa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan ta'eef jecha, ​ Kanaafuu Miqdaad bin Aswad irraa waa’ee sanaa akka Rasuula -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isaaf gaafatu barbaade, Isaanis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jechuun deebisaniif: Qaama saalaa dhiqateeti eegasii wuduu'a godhata.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Aliyyii bin Abii Xaalib -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- saalfachuun nama birootinis ta'u gaaffii irraa kan isa hin dhoorgin ta'uun sadarkaa isaa muldhisaadha.
  2. Fatwaa gaafachuu keessatti nama biroo bakka buufachuun ni danda'amaadha.
  3. Yoo bu'aa wahiitif ta'e namni tokko ofii isaa irraa waan saalfii tokko nama birootti himuun ni danda'amaadha.
  4. Mazyiin (bishaan fedhii saalaatiin bahu) najisa ta'uu fi qaama fi uffata irraa isa dhiquun dirqama ta'uudha.
  5. Bahiinsi mazyii wantoota wuduu’a diigan keessaa isa tokkoodha.
  6. Hadiisa biraa keessatti waan dhufee jiruuf qaama saalaa fi killee (cidhaan) lameen dhiqachuun dirqama ta'uudha

Garsisuu hiikowani

59 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
UG ئۇيغۇرچە igooriffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
FR Français Faransaayiffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
TA தமிழ் afaan taamilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
KY Кыргызча qargiiziffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
YO Yorùbá yoorbaffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
SO Soomaali HSomaaliffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
CS Čeština cheekiffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
AZ Azərbaycan azriffaa
UZ O‘zbek uzbeekiffaa
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
BM Bambara البامبارية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية
KMR Kurmancî الكرمنجية