1. fuula hangafaa ykn tokkoffaa
  2. tarreewwan
  3. aqiidaa

hadiisa Nabiyyoota ana dura ergaman keessaa tokkoonuu hin ergamne duuka buutota fi waaheloota sunnaa isaa hordofanii fi ajaja isaa fudhatan qabaatu malee hin taane

عَنْ عَبْدِ اللهِ بْنِ مَسْعُودٍ رضي الله عنه أَنَّ رَسُولَ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ:
«مَا مِنْ نَبِيٍّ بَعَثَهُ اللهُ فِي أُمَّةٍ قَبْلِي إِلَّا كَانَ لَهُ مِنْ أُمَّتِهِ حَوَارِيُّونَ، وَأَصْحَابٌ يَأْخُذُونَ بِسُنَّتِهِ وَيَقْتَدُونَ بِأَمْرِهِ، ثُمَّ إِنَّهَا تَخْلُفُ مِنْ بَعْدِهِمْ خُلُوفٌ يَقُولُونَ مَا لَا يَفْعَلُونَ، وَيَفْعَلُونَ مَا لَا يُؤْمَرُونَ، فَمَنْ جَاهَدَهُمْ بِيَدِهِ فَهُوَ مُؤْمِنٌ، وَمَنْ جَاهَدَهُمْ بِلِسَانِهِ فَهُوَ مُؤْمِنٌ، وَمَنْ جَاهَدَهُمْ بِقَلْبِهِ فَهُوَ مُؤْمِنٌ، وَلَيْسَ وَرَاءَ ذَلِكَ مِنَ الْإِيمَانِ حَبَّةُ خَرْدَلٍ».

Abdullaah bin Mas'uud irraa odeeffame Rabbiin irraa haa jaallatu, Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan jedhan:
«Nabiyyoota ana dura ergaman keessaa tokkoonuu hin ergamne duuka buutota fi waaheloota sunnaa isaa hordofanii fi ajaja isaa fudhatan qabaatu malee hin taane. Sana booda ummata waan jedhan hin dalagne, waan hin ajajamin ammoo kan dalagantu hafan, namni harka isaatiin isaan irratti qabsaa’e inni mu’umina. Namni arraba isaatiin isaan irratti qabasaa'e inni mu'umina, namni qalbii isaatiin isaan irratti qabsaa’e innis mu'umina. kana booda Iimaana irraa wanni hanga firii raafuu hin jiru».

sirrii Muslimtu gabaase Sahiiha muslim - 50

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- ummata isaa irraa namoonni qulqulluu, deggertoonni fi Mujaahidoonni garaa qulqulluu ta'an, isa boodaa bakka bu'ummaaf kan tolan, sunnaa isaa qabatanii kan ajaja isaa fudhatan isaaf ta'an malee Rabbiin ummata isaan duraa keessatti akka nabiyyii tokko hin ergin himan. Ergasii booda warra gaggaarii kanaatii ummanni kheyriin isaan keessa hin jirre akka dhufanii fi isaan waan jedhan akka hin raawwannee fi waan itti hin ajajamin akka raawwatan, namni harka isaatiin isaan irratti qabsaa’e inni mu’umina, namni arraba isaatiin isaan irratti qabasaa'e inni mu'umina, namni qalbii isaatiin isaan irratti qabsaa’e innis mu'umina akka ta'ee fi sana booda Iimaana irraa wanni hanga firii raafuu takka hin jirre himaniiru.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Namoota jechoota fi gochoota isaanitiin seera shari'aa cabsaniin loluu irratti kakaasuudha.
  2. Qalbiin badii tokko mormuu dhabuun iimaanni laafaa ta'uu irratti ragaadha.
  3. Rabbiin -Inni qulqullaa'e ol ta'e- Anbiyootaf namoota booda isaanitii ergaa isaanii baatan laaffisuudha.
  4. Namni nagaa bahuu barbaade karaa Anbiyootaa hordofuu qaba; Sababni isaas karaan karaa isaanii malee jiru karaa badii fi jallinaa waan ta’eef jecha.
  5. Akkuma zamana nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- fi sahaabota isaanii irraa fagaachaa deemaniin namoonni sunnaa dhiisanii, fedhii ofii qofa hordofuun bid’aalee adda addaa amantii keessa galchaniidha.
  6. Sadarkaalee jihaadaa ibsuudha, inni nama jijjiiruu danda'u kan akka moototaa fi warra taayitaa qabaniif harkaan ta'a, akkasumas haqa ibsuu fi gara isatti waamuun jechaan ta'a, akkasumas badii mormuu fi isa jaalachuu dhabuun qalbiin ta'a.
  7. Gaariitti ajajanii badii irraa dhoorguun dirqama ta'uudha.

Garsisuu hiikowani

51 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
UG ئۇيغۇرچە igooriffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
TA தமிழ் afaan taamilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
KY Кыргызча qargiiziffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية