1. fuula hangafaa ykn tokkoffaa
  2. tarreewwan
  3. iiraafii seenaa

hadiisa Anaa fi Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- osoo nuti lachuu janaabdaa qabnuu meeshaa bishaanii tokko irraa kan dhiqannu taane, marxifatutti na ajaju ture, anis nan marxifadha, eegasii osoon ani heydii(dhiiga ji'aa) qabuu qaama isaanitiin natti maxxanu ture,

عَنْ عَائِشَةَ أُمِّ المُؤمنينَ رضي الله عنها قَالَتْ:
كُنْتُ أَغْتَسِلُ أَنَا وَالنَّبِيُّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ مِنْ إِنَاءٍ وَاحِدٍ كِلاَنَا جُنُبٌ، وَكَانَ يَأْمُرُنِي، فَأَتَّزِرُ، فَيُبَاشِرُنِي وَأَنَا حَائِضٌ، وَكَانَ يُخْرِجُ رَأْسَهُ إِلَيَّ وَهُوَ مُعْتَكِفٌ فَأَغْسِلُهُ وَأَنَا حَائِضٌ.

Aa'ishaa Haadha Mu’mintootaa irraa odeeffamee -Rabbiin isii irraa haa jaallatu- akkas jette:
Anaa fi Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- osoo nuti lachuu janaabdaa qabnuu meeshaa bishaanii tokko irraa kan dhiqannu taane, marxifatutti na ajaju ture, anis nan marxifadha, eegasii osoon ani heydii(dhiiga ji'aa) qabuu qaama isaanitiin natti maxxanu ture, akkasumas osoo ani heydii qabuu i'itikaaf irra osoo jiranuu mataa isaanii dhiquuf natti gadi baasu ture.

sirrii Bukharif muslim irratti waliigalan Sahiiha bukhaarii - 299

Ibsaa

Aa'ishaan Haati Mu’umintootaa -Rabbiin ishee irraa haa jaallatu- haala addaa tokko tokko kan isheen isaanin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- waliin qabdu himte, sana keessaa: janaabadhaaf jecha isaanin waliin meeshaa tokko irraa kan dhiqattu taate, meeshicha irraa yeroo tokko bishaan fudhatu. Akkasumas isaan -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- haala isheen laguu irra jirtuun ishetti dhufuu yeroo barbaadan qaama ishee handhura irraa kaasee hanga jilbaatti akka haguugdu ishee ajajan, eegasii walqunnamtii saalaa malee qaama isaanitiin qaama ishetti akka maxxanan himte. Akkasumas isaan -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- i'itikaafaaf masjiida keessa osoo jiranuu mataa isaanii gara Aa'ishaatti gadi baasanii haala isheen ofii isheetif mana ishee keessatti laguu irra jirtuun mataa isaanii akka dhiqtu himte.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Abbaan manaa fi haati manaa isaa meeshaa tokko irraa dhiqachuun ni danda’amaadha.
  2. Dubartii laguu qabdu qaama saalaan alatti waan biraa keessatti itti dhihaachuun ishee taphachiisuun ni danda'amaa fi qaamni ishee qulqulluu akka ta'e ibsuudha.
  3. Yeroo wal booharsaniin keessatti marxoo uffachuun ishee jaallatamaa ta'uudha.
  4. Sababoota haraama keessatti akka hin kufne nama dhorguu danda'an godhachuudha.
  5. Dubartoonni laguu qaban akka masjiida keessa hin teenye dhoorguudha.
  6. Rifeensa dhiquu fi isa filachuu dabalatee wantoota jiidha qaban ykn goggogoo ta'an tuquun isheef ni hayyamamaadha.
  7. Waliin jireenya gaarii Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- maatii isaanitif qabaniidha.

Garsisuu hiikowani

59 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
UG ئۇيغۇرچە igooriffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
FR Français Faransaayiffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
TA தமிழ் afaan taamilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
KY Кыргызча qargiiziffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
YO Yorùbá yoorbaffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
SO Soomaali HSomaaliffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
CS Čeština cheekiffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
IT Italiano xaaliyaaniffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
AZ Azərbaycan azriffaa
UZ O‘zbek uzbeekiffaa
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية
KMR Kurmancî الكرمنجية