1. fuula hangafaa ykn tokkoffaa
  2. tarreewwan
  3. sadarkaaleefii naamusoota

hadiisa Abjuun gaariin Rabbi biraati, abjuun badaan immoo Sheyxaana irraayi, tokkoon keessan abjuu isa sodaatu yeroo arge gara bitaa isaatti haa tufee, sharrii isaa irraa Rabbitti haa maganfatu, akkas godhe taanan inni isa hin miidhu

عَنْ أَبِي قَتَادَةَ رضي الله عنه قَالَ: قَالَ النَّبِيُّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«الرُّؤْيَا الصَّالِحَةُ مِنَ اللَّهِ، وَالحُلُمُ مِنَ الشَّيْطَانِ، فَإِذَا حَلَمَ أَحَدُكُمْ حُلُمًا يَخَافُهُ فَلْيَبْصُقْ عَنْ يَسَارِهِ، وَلْيَتَعَوَّذْ بِاللَّهِ مِنْ شَرِّهَا، فَإِنَّهَا لاَ تَضُرُّهُ».

Abuu Qataadaa irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan:
«Abjuun gaariin Rabbi biraati, abjuun badaan immoo Sheyxaana irraayi, tokkoon keessan abjuu isa sodaatu yeroo arge gara bitaa isaatti haa tufee, sharrii isaa irraa Rabbitti haa maganfatu, akkas godhe taanan inni isa hin miidhu».

sirrii Bukharif muslim irratti waliigalan Sahiiha bukhaarii - 3292

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- abjuun gaariin nama gammachiisu Rabbiin irraa akka ta'ee fi abjuun badaan nama naasisu sheyxaana irraa akka ta'e himan.
Namni waan isa jibbisiisu arge gara bitaa isaatti haa tufee, hamtuu isaa irraa Rabbitti haa maganfatu; akkas godhe taanan inni isa hin miidhu, Rabbiin wanta armaan olitti ibsame kana miidhaa abjuu sanaan dhufu irraa nagaa bahuuf sababaa waan taasiseef jecha.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Ru'uyaa fi Hulumni wantoota irraa waan namni rafu hirriba isaa keessatti arguudha. Garuu Ru'uyaan baay'innaan waan gaarii namichi argu irratti dubbatama, Hulumni immoo waan badaa nama naasisu irratti dubbatama yoo ta'u, isaan lachuutuu bakka walitti itti fayyadamuun ni argama.
  2. Qooddaalee abjuu: 1- Abjuu gaariidha, inni abjuu dhugaa fi gammachuu Rabbiin irraa ta'e kan namichi ofii isaatif isa argu ykn namni biroo isaaf arguudha. 2- Haasaa lubbuuti, inni waan namichi yeroo dammaqiinsa keessa jiru lubbuu ofiitin haasa'u. 3- Gadda, sodaachisaa fi cinqii sheyxaanaa kan ilma Aadaam gaddisiisuuf taasisuudha.
  3. Walumaa galatti waa'ee abjuu gaarii ilaalchisee wanni dubbatame waa sadii: Rabbiin galateeffachuu, ittiin gammachuu mul'ifchuu fi nama jibbu osoo hin taane nama jaallatutti isa odeessuudha.
  4. Walumaa galatti waa'ee abjuu jibbamaa ilaalchisee wanni dubbatame wantoota shani: Sharrii isaati fi sharrii sheyxaanaa irraa Rabbitti maganfachuu, yeroo hirriba isaa irraa ka’u si’a sadii gara bitaatti tufuu, gonkuma nama kamittuu waa'ee isaa dubbachuu dhabuu fi yoo hirriiba isaatti deebi'uu barbaade cinaacha irra ture irraa garagalee kan biraa irratti rafuudha, akkas godhe taanan inni isa miidhuu hin danda'u.

Garsisuu hiikowani

51 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
UG ئۇيغۇرچە igooriffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
TA தமிழ் afaan taamilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
YO Yorùbá yoorbaffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية