1. fuula hangafaa ykn tokkoffaa
  2. tarreewwan
  3. aqiidaa

hadiisa Rabbiin ummata kiyyaaf dogoggora irraanfii fi waan irratti dirqisiifaman irra naa dabreefii jira

عَنْ ابْنِ عَبَّاسٍ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُمَا أَنَّ رَسُولَ اللَّهِ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ:
«إنَّ اللَّهَ تَجَاوَزَ لِي عَنْ أُمَّتِي الخَطَأَ وَالنِّسْيَانَ وَمَا اسْتُكْرِهُوا عَلَيْهِ».

Ibnu Abbaas irraa akka odeeffametti -Rabbi isaan lameenuu irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
«Rabbiin ummata kiyyaaf dogoggora irraanfii fi waan irratti dirqisiifaman irra naa dabreefii jira».

قال النووي: حديث حسن رواه ابن ماجه والبيهقي وغيرهما الأربعون النووية - 39

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- haala sadii keessatti, Rabbiin akka ummata isaaniitiif dhiifma godheef himu: Inni jalqabaa: dogongora, innis osoo hin beekin waan isaan irraa argameedha, innis muslmni tokko hojii isaatiin waan tokko niyyatee, garuu hojiin isaa waan inni yaadeen alatti kan biraa ta'uudha. Lammaffaan: irraanfiidha, innis muslimni tokko waan tokko yaadataa turee, yeroo hojjatamutti immoo isa irraanfachuudha, kana keessattis badiin hin jiru. Sadaffaan: Dirqisiifamuudha, dirqisiisa san of irraa deebisuu irraatti dandeetti dhabuu waliin, gabrichi waan hin feene hojjachuu irratti dirqisiifamuutu mala, yeroosan badii fii komiiin isatti hin argamu. Hadiisni kan inni irraa dubbatu, wantoota dhoorgaman hojjachuu keessatti, waan gabrichaa fi Rabbii isaa gidduutti ta'u keessatti akka ta'e hubachuutu barbaachisa, wantoonni itti ajajaman immoo irraanfatanii dhiisuudhaan namarraa hin bu'u, garuu waan dhoorgamaa dirqisiifamee hojjate sanaan, nama irratti daangaa darbuun yoo jiraate immoo, haqni uumamaa hin kufu, akkuma yoo dogongoraan ajjeeseetti, gumaatu isarra jira yookaan dogongoraan konkolaataa isaa kan balleesse yoo ta'e, kaffaluu qaba.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Bal'ina rahmata Rabbii ol ta'eetii fi mararfannaa inn gabroottan isaatiif qabuudha, haalota sadeen kana keessatti, balleessaan yoo isaan irraa argame, badii isaan irraa fuudhee jira.
  2. Tola Rabbiin Nabiyyii fi ummata isaanii irratti ooleedha, Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu.
  3. Badiin nama irraa kaafamuun, murtoo fi kaffaluun kaafamuudha jechuu miti, fakkeenyaaf, namni wuduu'a irraanfatee, wuduu'a qaba se'ee salaate, sana gochuuf badiin isa irra hin jiru, garuu immoo wuduu'a godhatee salaata deebisuutu isa irra jira.
  4. Dirqisiisaa keessatti badiin nama irraa ka'uuf, ulaagaalee guutamuu qabantu jiru, akka namni nama dirqisiisu sun waan irratti nama sodaachisee dirqisiise sana raawwachuutti dandeettii qabaachuu faa.

Garsisuu hiikowani

59 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
UG ئۇيغۇرچە igooriffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
FR Français Faransaayiffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
TA தமிழ் afaan taamilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
KY Кыргызча qargiiziffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
YO Yorùbá yoorbaffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
HU Magyar majriffaa
CS Čeština cheekiffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
AZ Azərbaycan azriffaa
UZ O‘zbek uzbeekiffaa
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
BM Bambara البامبارية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية
DA Dansk الدنماركية
RN Kirundi الكيروندي
KMR Kurmancî الكرمنجية
MS Bahasa Melayu الملايو