1. fuula hangafaa ykn tokkoffaa
  2. tarreewwan
  3. sadarkaaleefii naamusoota

hadiisa “Seehaa (namii) irraa fagaadhaa; Dhugumatti seehaan irra soba haasawaati

عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رضي الله عنه عَنِ النَّبِيِّ صلى الله عليه وسلم قَالَ:
«إِيَّاكُمْ وَالظَّنَّ؛ فَإِنَّ الظَّنَّ أَكْذَبُ الْحَدِيثِ، وَلَا تَحَسَّسُوا، وَلَا تَجَسَّسُوا، وَلَا تَحَاسَدُوا، وَلَا تَدَابَرُوا، وَلَا تَبَاغَضُوا، وَكُونُوا عِبَادَ اللهِ إِخْوَانًا».

Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-akkas jedhan:
“Seehaa (namii) irraa fagaadhaa; Dhugumatti seehaan irra soba haasawaati, hamtuu namaa beekuuf hin yaalinaa, wal hin basaasinaa, wal hin hassadinaa, dugda walitti hin galinaa, wal hin jibbinaa, Gabroota Rabbii obboleewwan ta’aa”.

sirrii Bukharif muslim irratti waliigalan Sahiiha bukhaarii - 6064

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- wantoota Muslimoota gidduutti wal qoqqooddaa fi diinummaatti nama geessan irraa dhoorgan. Sana keessaa:
(Seehaadha) inni shakkii ragaan maletti qalbii keessatti argamu yoo ta’u, inni haasaa sobaa keessaa tokko akka ta'e ibsan.
(Hamtuu beekuuf yaaluudha): inni hamtuu namootaa ijaan ykn gurraan beekuuf yaaluudha.
(Wal basaasuudha): inni dhimmoota irraa waan dhokataa ta'e barbaaduudha, yeroo baay’ee isa hamtuu keessatti itti fayyadamama.
(Inaaffaadha) inni argannaa ni'imaa namaaf jibbuudha.
(Dugda walitti galuudha) inni gariin namootaa garii irraa gara galuun argama, obboleessa isaa Muslima salaamataa hin jedhuun, akkasumas isa hin ziyaaru,
(Wal jibbuudha) wal irraa baqachuudha, akkasumas wal rakkisuun, fuula walitt gurraachessuu fi amala badaan wal simachuun jibbansa walii muldhisuudha.
Eegasii jecha of keessatti waa hedduu hammatu kan isaan wajji jireenyi muslimootaa tolu wahiiti dubbatan,innis: (Gabroota Rabbii obboleewwan ta'aa) jechuudha. Obbolummaan haada walitti dhufeenya namoota gidduu jiru isaan tolu, akkasumas gidduu isaanitti jaalalaa fi walitti dhiheenya dabala.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Seehaan badaan nama mallattoon isaa irraa mul’ate hin miidhu, mu’uminni qaruutee fi gamna ta’uu qaba malee namoota hamaa fi badii dalaganiin gowwoomfamuu hin qabuudha.
  2. Ergaan dabarsuuf yaadame, shakkii lubbuu namaa keessa qubatu irraa akeekkachiisa kennuudha, akkasumas yoo tasa kan argamu ta'e akka qabatee waliin hin turre akeekkachiisuudha, wanni lubbuu irra dhufu kan isa keessatti hin raggaane immoo rakkoo hin qabu.
  3. Wantoota waldhabdee fi addaan bahuu miseensota hawaasa Muslimaa gidduutti fidan, kan akka wal basaasuu, inaaffaa fi kan kana fakkaatan haraamessuudha.
  4. Gaarii walii yaaduu fi wal jaallachuu keessatti muslimni obboleessa muslimaa akka obboleessa dhalootatti ilaaluu akka qabu dhaamsa dabarsuudha.

Garsisuu hiikowani

59 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
UG ئۇيغۇرچە igooriffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
TA தமிழ் afaan taamilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
JA 日本語 jaappaaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
KY Кыргызча qargiiziffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
YO Yorùbá yoorbaffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
SO Soomaali HSomaaliffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
CS Čeština cheekiffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
AZ Azərbaycan azriffaa
UZ O‘zbek uzbeekiffaa
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
BM Bambara البامبارية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية
KMR Kurmancî الكرمنجية