1. fuula hangafaa ykn tokkoffaa
  2. tarreewwan
  3. sadarkaaleefii naamusoota

hadiisa Yaa Rabbi, qananiin kee baduu irraa, fayyaan jijjiiramuu irraa, balaa tasaa fi dallansuu kee hundumaa irraa sitti maganfadha

عَنْ عَبْدِ اللهِ بْنِ عُمَرَ رضي الله عنهما قَالَ: كَانَ مِنْ دُعَاءِ رَسُولِ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«اللهُمَّ إِنِّي أَعُوذُ بِكَ مِنْ زَوَالِ نِعْمَتِكَ، وَتَحَوُّلِ عَافِيَتِكَ، وَفُجَاءَةِ نِقْمَتِكَ، وَجَمِيعِ سَخَطِكَ».

Abdullaah bin Umar irraa odeeffame Rabbiin isaan lamaan irraa haa jaallatu akkana jedhe: Du'aa'ii Ergamaa Rabbii keessaa tokko kana ture, nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu:
«Yaa Rabbi, qananiin kee baduu irraa, fayyaan jijjiiramuu irraa, balaa tasaa fi dallansuu kee hundumaa irraa sitti maganfadha».

sirrii Muslimtu gabaase Sahiiha muslim - 2739

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- waan afur irraa maganfatan:
Inni duraa: (Yaa Rabbi baduu qananii kee irraa sitti maganfadha) kan amantii fi kan addunyaa, akkasumas Islaamummaa irratti ragga'ee, dilii qananii nama irraa ooftu keessatti kufuu irraa fagaachuu si kadhadha.
Inni lammaffaan: (fayyaan jijjiiramuu) gara balaatti ishee jijjiiruu irraa sitti maganfadha; Fayyaa itti fufiinsa qabuu fi dhukkubbii fi dhukkuboota adda addaa irraa nagaa ta'uu si kadhadha.
Sadaffaan: (balaa tasaa irraa) dhiphina ykn balaa garagaraa irraa sitti maganfadha, balaan akkasii sun tasa yoo dhufte, yeroon tawbaa fi sirreeffamaaf qophaa'an hin jiru, haala kanatti immoo balaan sun daran cimaa fi irra hamaa ta’a.
Afraffaan: (dallansuu kee hundumaa) fi sababoota dheekkamsa kee fidan irraa sitti maganfadha; namni ati itti dallante badee hoongahe.
Ergamaan -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- jecha dachaa waa hunda walittii qabatu fayyadaman; jechoota, gochoota fi amantiilee irraa sababoota dheekkamsa Isaa -Inni qulqullaa'e ol ta'e- hunda akka hammatuuf jecha.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- gara Rabbii ol ta'etii akka haajamaniidha.
  2. Maganfachuun barakaa kun wantoota akka: qananiif galata galchuu irratti milkaa’ina argachuu fi qananii waan nama irraa deemsisuuf jecha dilii keessatti akka hin kufne eegumsa qabaachuu of keessatti hammateera.
  3. Eddoo Rabbiin itti dallanu irraa fagaachuu irratti bololuudha.
  4. Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- dheekkamsi Rabbii ol ta'ee akka tasa itti hin dhufne maganfatan; Sababni isaas Rabbiin yoo gabricha irraa haaloo ba’e balaa inni ofirraa deebisuu hin dandeenye, akkasumas osoo hundi isaanii walitti qabamanillee kan uumamtoota hafaniin isa deebisuun hin danda'amne dhugumatti waan irra kaa'uf jecha.
  5. Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- fayyaan Rabbiin ol ta'e isaanif kenne akka gara waan biratti hin jijjiiramne maganfatan; Sababni isaas, Rabbiin fayyaa yoo namaaf kenne, namni sun dhugumatti kheyrii ganda lameenii argateera, yoo fayyaan irraa fuudhamte immoo dhugumatti sharriin ganda lameenii isa mudateera, fayyaan tolina diini fi duuniyaa waan ta'eef jecha.

Garsisuu hiikowani

50 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
TA தமிழ் afaan taamilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
KY Кыргызча qargiiziffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية