1. fuula hangafaa ykn tokkoffaa
  2. tarreewwan
  3. sadarkaaleefii naamusoota

hadiisa Sheyxaanni jaziiraa Arabaa keessatti namoonni salaatan isa gabbaruu irraa dhugumatti abdii kutateera, garuu isaan giddutti badii argamsiisuu keessatti abdii hin kutanne

عَنْ جَابِرٍ رضي الله عنه قَالَ: سَمِعْتُ النَّبِيَّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ يَقُولُ:
«إِنَّ الشَّيْطَانَ قَدْ أَيِسَ أَنْ يَعْبُدَهُ الْمُصَلُّونَ فِي جَزِيرَةِ الْعَرَبِ، وَلَكِنْ فِي التَّحْرِيشِ بَيْنَهُمْ».

Jaabiir irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana kan jedhuun dhagahe:
«Sheyxaanni jaziiraa Arabaa keessatti namoonni salaatan isa gabbaruu irraa dhugumatti abdii kutateera, garuu isaan giddutti badii argamsiisuu keessatti abdii hin kutanne».

sirrii Muslimtu gabaase Sahiiha muslim - 2812

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- mu’mintoonni isa gabbaruu fi biyya arabaa keessatti taabotaaf sujuudutti deebi'uu irraa ibliisa akka abdii kutate himan, Garuu wal dhabdeen, jibbaan, lola gargaraatiin, qorumsa adda addaatii fi kan kana fakkaataniin gidduu isaanitti rakkina uumuu irraa akka abdii hin kutatinii fi kan godhuuf boqonnaa tokko malee akka irratti hojjataa jiruus himaniiru.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Sheyxanaa gabbaruu jechuun taabota gabbaruu jechuu dha, Sababni isaas kan itti ajajuu fi itti waamu sheyxaana waan ta'eefi, ragaan jecha Rabbii ol taheeti, Nabi Ibraahimiin -nageenyi irra haa jiraatu- yeroo dubbate keessatti: (Yaa Abbaa koo, sheyxaana hin gabbarin....)
  2. Sheyxaanni Muslimoota gidduutti waldhabdee, Jibbaa, waraanaa fi qorumsa garagaraa uumuuf carraaqa.
  3. Faayidaa salaanni Islaamummaa keessatti qabu keessaa tokko jaalala Muslimoota gidduutti horuu fi hidhata obbolummaa isaan gidduu jiru cimsuudha.
  4. Salaanni booda shahaadaa lamaanitii sirna amantii guddaadha, kanaaf hadiisa keessatti Muslimoonni namoota salaatan jechuun waamaman.
  5. Biyyoonni (jaziiraan) Arabaa amaloota biyyoota biroo irraa adda ta'an qabaniidha.
  6. Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- (sheyxaanni biyyoota arabaa keessatti warri salaatu gabbaruu irraa dhugumatti abdii kutate) jechuu waliin garii biyyoota arabaa keessatti taabota gabbaruun argameera yoo jedhame, kun abdii kutannaa lubbuu sheyxaanaa keessatti argame irraa himuudha; sunis yeroo biyyoonni hedduun muslimootaan banamanii fi namoonni baay'innaan amantii Rabbii seenan arge keessatti. Hadiisni kun seehaa sheyxaanatii fi waan inni fuulduratti ni taha jedhee yaadu irraa dubbate, Eegasii ogummaa Rabbiin ol ta'e fedheen qabatamni faallaa sanaa ta'ee argame.

Garsisuu hiikowani

49 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
TA தமிழ் afaan taamilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية