عَنْ عَائِشَةَ أُمِّ المُؤْمِنينَ رَضي الله عنها أَنَّهَا قَالَتْ:
إِنَّ أُمَّ حَبِيبَةَ بِنْتَ جَحْشٍ الَّتِي كَانَتْ تَحْتَ عَبْدِ الرَّحْمَنِ بْنِ عَوْفٍ شَكَتْ إِلَى رَسُولِ اللهِ صلى الله عليه وسلم الدَّمَ، فَقَالَ لَهَا: «امْكُثِي قَدْرَ مَا كَانَتْ تَحْبِسُكِ حَيْضَتُكِ، ثُمَّ اغْتَسِلِي». فَكَانَتْ تَغْتَسِلُ عِنْدَ كُلِّ صَلَاةٍ.

Aa'ishaa Haadha Mu’umintootaa irraa odeeffame, Rabbiin irraa haa jaallatuu, akkas jette:
Ummu Habiibaa binti Jahsh, kan haadha manaa Abdurrahmaan bin Awfii turte, Ergamaa Rabbiitti, nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, waa’ee dhiigaa himattee jennaan, isaanis akkana isheen jedhani: “Hanga yeroo laguun kee sitti turu san tilmaamii turi, Eegasii dhiqadhu”. salaata hundaaf kan dhiqattu taate.

sirrii Muslimtu gabaase Sahiiha muslim - 334

Ibsaa

Sahaabota dubartootaa keessaa takka yeroo hunda osoo adda hin citin dhiigni irraa dhangala'aa akka jiru Nabiyyitti himatte, nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu. Isaanis osoo balaan muddamaa kun itti hin dhufin yeroo hanga laguun ishee turu, salaata akka dhiiftu ishee ajajani, sana booda dhiqattee salaatti, sunnummaan salaata hundaaf kan dhiqattu turte.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Istihaadaa jechuun: dubartiin takka guyyoota laguu ishee barame booda osoo adda hin citin dhiigni ishee irraa bu'uudha.
  2. Dubartiin istihaadaa qabdu, osoo dhiigni dhukkubaa kun itti hin dhufiniin duratti tilmaama guyyoota laguun itti dhufu san akka laguutti ilaalti.
  3. Lakkoofsi guyyoota Aadaa ishee baramee yeroo darbe, isheen sana booda laguu irraa akka qulqullooftetti ilaalamti -osuma dhiigni dhukkubaa itti jiraatellee- sana booda laguu irraa dhiqattee hojii ishee itti fufti.
  4. Dubartiin istihaadaa qabdu salaata hundaaf dhiqachuun irratti dirqamaa miti; Sababni isaas dhiqachuun ishee, Rabbiin irraa haa jaalatu, tattaaffii ishee irraa ta’e waan ta’eef jecha, osoo dirqama ta’ee Ergamaan Rabbii nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, silaa isheef ibsu ture.
  5. Dubartiin istihaadaa qabdu salaata hundaaf wuduu’a gochuu qabdi; Sababni isaas dhiigni ishee irraa bahu kun dhiiga dhaabbataa addaan hin cinne waan ta'eef jecha, fakkeenyi ishee akka nama fincaan yeroo hunda irraa bahuuti, ykn akka nama qilleensi yeroo hunda irraa bahuuti.
  6. Dhimmoota amantii keessaa waan nama dhibee, rakkoo namatti tahe hayyoota gaafachuun akka jiruudha, akkuma dubartiin tun Nabiyyitti -nagaa rahmanni isaan irratti haa jiraatu- himattee, dhiiga garmalee ishee dhiphisaa ture isaan gaafatetti.

Garsisuu hiikowani

58 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
UG ئۇيغۇرچە igooriffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
FR Français Faransaayiffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
KY Кыргызча qargiiziffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
YO Yorùbá yoorbaffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
SO Soomaali HSomaaliffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
CS Čeština cheekiffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
IT Italiano xaaliyaaniffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
AZ Azərbaycan azriffaa
UZ O‘zbek uzbeekiffaa
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية
KMR Kurmancî الكرمنجية