1. fuula hangafaa ykn tokkoffaa
  2. tarreewwan
  3. aqiidaa

hadiisa Namtichi tokko qiyaamaa irraa akkas jechuun nabiyyii gaafate -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-qiyaamaan yoomi? nabiyyiinis ni jedhani: «maal qopheessiteef

عَنْ أَنَسٍ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ:
أَنَّ رَجُلًا سَأَلَ النَّبِيَّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ عَنِ السَّاعَةِ، فَقَالَ: مَتَى السَّاعَةُ؟ قَالَ: «وَمَاذَا أَعْدَدْتَ لَهَا». قَالَ: لاَ شَيْءَ، إِلَّا أَنِّي أُحِبُّ اللَّهَ وَرَسُولَهُ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ، فَقَالَ: «أَنْتَ مَعَ مَنْ أَحْبَبْتَ». قَالَ أَنَسٌ: فَمَا فَرِحْنَا بِشَيْءٍ، فَرِحْنَا بِقَوْلِ النَّبِيِّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ: «أَنْتَ مَعَ مَنْ أَحْبَبْتَ» قَالَ أَنَسٌ: فَأَنَا أُحِبُّ النَّبِيَّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ وَأَبَا بَكْرٍ، وَعُمَرَ، وَأَرْجُو أَنْ أَكُونَ مَعَهُمْ بِحُبِّي إِيَّاهُمْ، وَإِنْ لَمْ أَعْمَلْ بِمِثْلِ أَعْمَالِهِمْ.

Anas irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkas jedhe:
Namtichi tokko qiyaamaa irraa akkas jechuun nabiyyii gaafate -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-qiyaamaan yoomi? nabiyyiinis ni jedhani: «maal qopheessiteef». homaa jedhe, haa ta'u malee ani Rabbii fi ergamaa isaan jaalladha -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-, ergamaanis akkas jedhani: «ati nama jaallattee woliini». anasis akka jedhe: akka jecha nabiyyii -Rabbii rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- «ati nama jaallattee woliini» jedhuun gammannetti woma tokkoon gammannee hin beeknu, anas eegasii akkas jedhe: anis nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- abuu bakirii fi umar nan jaalladha, jaalalan isaan jaalladheen isaan woliin ta'uu hawwa, yoon hojiiwwan akka isaanii hojjachuu dhabellee.

sirrii Bukharif muslim irratti waliigalan Sahiiha bukhaarii - 3688

Ibsaa

Namtichi baadiyyaa tokko worra barahaa keessa jiraatu irraa kan ta'e yeroo qiyaamaan itti dhaabbattu irraa Nabiyyii gaafate? -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-
Nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hojii gaarii irraa maal qopheessiteef? jedhaniin
namtichi gaafates akkas jedhe: hojii guddoo hin qopheessineef jaalalan Rabbii fi ergamaa isaa jaalladhu malee, sanaan ala ibaadaa qalbiii, qaamaa fi qabeenyaa tokkoyyuu hin dubbanne; hundi isiituu damee jaalalaa kan isii irratti hundooftu waan taateef jecha, akkasumas jaalalli dhugaa hojii gaari hojjachuuf tattaafchuutti nama kakaafti waan ta'eef jecha.
Nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ati jannatta keessatti nama jaallattee woliin taata isaan jedhani.
Sahaabonni Nabiyyiis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gammachiisa kanaan gammachuu guddaa gammadani.
eegasii Anas akka Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Abuu bakirii fi Umariin jaallatu hime, hojiin isaa akka hojiiwwan isaanii ta'uu baatullee isaan woliin ta'uus akka hawwu hime.

bu.aa hadiisa irraa

  1. gaafataaf deebii kennuu irratti ogummaa ergamaan Rabbii qabanu -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan irra yaachisaa fi isa baraarutti isa qajeelchani, innis waan bu'aa qabuun aakhiraaf qophaa'uu fi hojii gaarii hojjachuudha.
  2. Rabbiin beekumsa qiyaamaa gabroota irraa dhokse, akka namni qophaa'aa ta'ee eeguuf jecha.
  3. sadarkaa Rabbiin, ergamaa isaa fi gaggaarii mu'umintootaa jaallachuun qabuu fi jaalala mushriktootaa irraa sodaachisuudha.
  4. "Ati nama jaallattee wiliini" jechuun nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buus- sadarkaa fi qubsumatti tokko ta'uu miti kan itti fedhame, kan itti fedhame bakki yoo fagaatellee jannata keessatti hunduu wol arguu akka danda'uudha.
  5. Waan isaaf bu'aa hin qabne dhiisee gara waan isaaf irra gaarii ta'ee fi irra bu'a qabeessa ta'eetti muslimoota qajeelchuutu keessa jira.

Garsisuu hiikowani

52 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
TA தமிழ் afaan taamilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
KY Кыргызча qargiiziffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
CS Čeština cheekiffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
AZ Azərbaycan azriffaa
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية