عن عبد الله بن مسعود رضي الله عنه قال: سمعت رسول الله صلى الله عليه وسلم يقول:
«إنَّ الرُّقَى والتَمائِمَ والتِّوَلَةَ شِرْكٌ».

Abdullaah ilma Masu'ud irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuun dhaga'e:
"Ruqaan, hirzii fi jaallachiistuun shirkiidha".

sirrii abuu daawud, ibnu maajah, ahmad odeessan Sunana abbaa daawud - 3883

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- wantoota isii hojjachuun shirkii irraa lakkaa'amu ibsaniiru; isii keessaa:
Tokkoffaan: Ruqaadha: inni haasawa worroonni jaahiliyyaa ittiin dawaa godhatan kan shirkii of keessatti qabatuudha.
Lammaffaan: Masubaa fi kan sana fakkaatu irraa waan rarraafatamu,: ija akka deebistuuf jecha isii ijoollee, horii fi kan biroo irratti fannifamtuudha.
Sadaffaan: Tiwalaadha (jaallachiistuu): isii haadha manaa fi abbaa manaa wol jaallachiisuuf jecha hojjatamtuudha.
Wontootni tun shirkii irraayi; isiin waan tokko sababa gochuu irraa waan taateef jecha, inni sababa shari'aa kan ragaan ragga'ee miti, akkasumas sababa mul'ataa yaaliin ragga'es miti. Sababoowwan shari'aa kan akka qur'aana qara'uufaa, yookaan sababoowwan mul'atoo ta'an kan akka dawaawwan yaaliin ragga'aniifaa, isiin sababoota irraayi jedhanii amanuu waliin eeyyamamtuudha, dhugumatti fayyaduu fi miidhuun harka Rabbii jira.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Tawhiidaa fi Aqiidaa waan isa hir'isu irraa eeguudha.
  2. Ruqaa shirkii irraa ta'e, hirzii fi wol jaallachiistuu fayyadamuun haraama ta'uudha.
  3. Wantoota tanneen sadan sababa jedhanii amanuun: isiin shirkii xiqoodha; waan sababa hin taane sababa taasisuu waan ta'eef, yoo matuma isiitiif fayyaddis miitis jedhee amane immoo inni shirkii guddaa irraayi.
  4. Sababoowwan shirkii fi haraama ta'an hojjachuu irraa sodaachisuudha.
  5. Ruqaan waan isii irraa karaa godhameen ala haraama godhamuu isiitii fi dhugumatti isiin shirkii irraa ta'uudha.
  6. Qalbiin Rabbii tokkicha qofa irratti rarra'uu qabdi, faaydaa fi miidhaan isuma qofa irraayi, shariikni isaaf hin jiru, Rabbiin malee toltuun hin dhufu, akkasumas Rabbii ol ta'e malee hamtuus kan deebisu hin jiru.
  7. Ruqaan eeyyamamtuu taate isii ulaagaa sadii of keessatti qabatteedha: 1- Isiin sababa eeyyama Rabbiitiin malee hin fayyaddu jedhanii amanuudha. 2- Qur'aana, maqoowwan Rabbiitii fi sifaata Isaatiin, akkasumas du'aa'ii nabiyyii fi du'aa'ii karaa godhameen ta'uudha. 3- sarara sararuu fi gowwomsaa kan of keessatti hin qabannee fi afaan hubatamuun ta'uudha.

Garsisuu hiikowani

68 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
UG ئۇيغۇرچە igooriffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
FR Français Faransaayiffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
TA தமிழ் afaan taamilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
JA 日本語 jaappaaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
KY Кыргызча qargiiziffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
YO Yorùbá yoorbaffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
SO Soomaali HSomaaliffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
CS Čeština cheekiffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
FF Fulfulde foolaaniyyaa
IT Italiano xaaliyaaniffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
BG Български البلغارية
AZ Azərbaycan azriffaa
EL Ελληνικά اليونانية
AK Akan الأكانية
UZ O‘zbek uzbeekiffaa
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
LN Lingala اللينجالا
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
BM Bambara البامبارية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية
RN Kirundi الكيروندي
YAO Yao الياو
KMR Kurmancî الكرمنجية