1. fuula hangafaa ykn tokkoffaa
  2. tarreewwan
  3. aqiidaa

hadiisa Namni tokko gara Nabiyyitti -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- dhufee, dhimma wahii keessatti isaan dubbisee, akkas jedheen: "Waan Rabbiin fedhee fi waan ati feete", Nabiyyiinis -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- ni jedhan: “Rabbi waliin qixa na gootee? waan Rabbi qofti fedhe” jedhi

عَنِ ابْنِ عَبَّاسٍ رضي الله عنهما:
أَنَّ رَجُلًا أَتَى النَّبِيَّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ، فَكَلَّمَهُ فِي بَعْضِ الْأَمْرِ، فَقَالَ: مَا شَاءَ اللهُ وَشِئْتَ، فَقَالَ النَّبِيُّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ: «أَجَعَلْتَنِي لِلَّهِ عَدْلًا؟ قُلْ: مَا شَاءَ اللهُ وَحْدَهُ».

Ibnu Abbaas irraa odeeffame Rabbiin isaan lamaan irraa haa jaalatu:
Namni tokko gara Nabiyyitti -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- dhufee, dhimma wahii keessatti isaan dubbisee, akkas jedheen: "Waan Rabbiin fedhee fi waan ati feete", Nabiyyiinis -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- ni jedhan: “Rabbi waliin qixa na gootee? waan Rabbi qofti fedhe” jedhi.

sanadni isaa hasani ibnu maajah, nasa'iin kubraa keessatti, ahmad odeessan sunana kunraa nasaa'ii - 10759

Ibsaa

Namni tokko gara Nabiyyitti -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- dhufee, dhimma isaa wahii keessatti isaan dubbisee, eegasii akkas jedheen: “Waan Rabbiin fedhee fi waan ati feete”, Nabiyyiinis -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- dubbii kana balaaleffachuun fedhii uumama tokkoo fedhii Rabbii waliin qubee “waw” jedhu fayyadamuun walitti qabanii dubbachuun shirkii xixiqqaa namni muslimaa isa dubbachuun hin hayyamamne akka ta’e itti himan. Eegasii gara jecha dhugaatti isa qajeelchan: "Waan Rabbi qofti fedhe", haaluma kamiinuu ta'ee fedha nama biraa osoo fedha Isaatin walitti hin qabne fedha Isaa keessatti Rabbiin adda baasuudha qaba.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Waan Rabbiin fedhee fi waan ati feete jechuu fi waan isa keessa qubee "waw" fayyadamuun fedha gabrichaa fedha Rabbitti hidhuun jiruu fi jechoota isa fakkaatan irraa dhoorguudha; sababni isaas inni waan shirkii xiqqaa ta'eef jecha.
  2. Dogongora mormuun dirqama ta'uudha.
  3. Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- tokkichummaa Rabbii kan tiksanii fi daandiiwwan shirkii kan cufan ta'uu isaaniti.
  4. Badii yeroo balaaleffannu nama waamamaa jiru san fakkeenyummaa Nabiyyii -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- hordofuun gara filannoo hayyamamaa ta'eetti isa qajeelchuun gaarii ta'uudha.
  5. Jecha isaanii nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, hadiisa kana keessatti: “Waan Rabbi qofti fedhe” jedhu fi jecha isaanii kan hadiisa biraa keessatti dubbatame: “Waan Rabbiin fedhe, eegasii waan ati feete” jedhu walitti yoo araarsinu, “Waan Rabbiin fedhe, eegasii waan ati feete” jechuun ni hayyamama, garuu “Waan Rabbi qofti fedhe” jechuutu caala.
  6. “Waan Rabbiin fedhe, eegasii waan ati feete” jechuun siif ni ta'a, garuu “Waan Rabbi qofti fedhe" jechuutu caala.

Garsisuu hiikowani

58 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
UG ئۇيغۇرچە igooriffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
FR Français Faransaayiffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
KY Кыргызча qargiiziffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
YO Yorùbá yoorbaffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
SO Soomaali HSomaaliffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
CS Čeština cheekiffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
IT Italiano xaaliyaaniffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
AZ Azərbaycan azriffaa
UZ O‘zbek uzbeekiffaa
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية
KMR Kurmancî الكرمنجية