1. fuula hangafaa ykn tokkoffaa
  2. tarreewwan
  3. aqiidaa

hadiisa Rabbiin ol ta'e guyyaa qiyaamaa irra laafaa adabamaa worra ibiddaatiin ni jedha: osoo wonti dachii keessatti argamu hundi kan kee ta'ee isaan of ni bittaa? eeyyeen jedha

عَنْ أَنَسِ بْنِ مَالِكٍ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ عَنِ النَّبِيِّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ:
«يَقُولُ اللَّهُ تَعَالَى لِأَهْوَنِ أَهْلِ النَّارِ عَذَابًا يَوْمَ القِيَامَةِ: لَوْ أَنَّ لَكَ مَا فِي الأَرْضِ مِنْ شَيْءٍ أَكُنْتَ تَفْتَدِي بِهِ؟ فَيَقُولُ: نَعَمْ، فَيَقُولُ: أَرَدْتُ مِنْكَ أَهْوَنَ مِنْ هَذَا، وَأَنْتَ فِي صُلْبِ آدَمَ: أَلّاَ تُشْرِكَ بِي شَيْئًا، فَأَبَيْتَ إِلَّا أَنْ تُشْرِكَ بِي».

Anas ibnu Maalik irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
«Rabbiin ol ta'e guyyaa qiyaamaa irra laafaa adabamaa worra ibiddaatiin ni jedha: osoo wonti dachii keessatti argamu hundi kan kee ta'ee isaan of ni bittaa? eeyyeen jedha, Rabbiinis ni jedhaan: yeroo ati dugda Aadam turtetti waan kana irra laafaan sirraa barbaadee ture: innis homaa akka anatti hin qindeessine ture, ati garuu anatti qindeessuu malee ni didde».

sirrii Bukharif muslim irratti waliigalan Sahiiha bukhaarii - 6557

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Rabbiin irra laafaa adabamaa worra ibiddaatiin boodaa isaan seenanii akkas akka jedhu himani: osoo duuniyaanii fi wonti isii keessa jiru hundi kan kee ta'ee silaa isaan adabbii kana irraa of ni bittaa? innis eeyyeen jedha, Rabbiinis ni jedha: dugda Aadam keessa yeroo turtetti yeroo waadaan sirraa fuudhametti waan kana irra laafaa dhugumatti sirraa barbaadee itti si ajajeen ture; yeroon gara duuniyaatti si baase immoo shirkii malee ni didde.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Sadarkaa towhiidni qabuu fi isatti hojjachuun laafaa ta'uu isaa.
  2. hammeenya Rabbii ol ta'etti shaarrakuun qabuu fi booddee isaa.
  3. Rabbiin ilmaan Aadam irraa osoo isaan dugda abbaa isaanii Aadam keessa jiranuu akka hin shaarrakne waadaa isaan irraa fuudhee ture.
  4. shirkii irraa sodaachisuutu keessa jira, guyyaa qiyaamaatti duuniyaan hundi kaafira irraa homaa deebisuu hin danda'u.

Garsisuu hiikowani

52 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
TA தமிழ் afaan taamilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
KY Кыргызча qargiiziffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
CS Čeština cheekiffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
AZ Azərbaycan azriffaa
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية