1. fuula hangafaa ykn tokkoffaa
  2. tarreewwan
  3. sadarkaaleefii naamusoota

hadiisa yaa Abbaas yaa abbeeraa ergamaa Rabbii, duuniyaa fi Aakhiraatti fayyummaa Rabbiin kadhu

عَنِ العَبَّاسِ بْنِ عَبْدِ الْمُطَّلِبِ رَضيَ اللهُ عنهُ قَالَ:
قُلْتُ: يَا رَسُولَ اللهِ، عَلِّمْنِي شَيْئًا أَسْأَلُهُ اللَّهَ عَزَّ وَجَلَّ. قَالَ: «سَلِ اللَّهَ العَافِيَةَ»، فَمَكَثْتُ أَيَّامًا ثُمَّ جِئْتُ فَقُلْتُ: يَا رَسُولَ اللهِ، عَلِّمْنِي شَيْئًا أَسْأَلُهُ اللَّهَ. فَقَالَ لِي: «يَا عَبَّاسُ، يَا عَمَّ رَسُولِ اللهِ، سَلِ اللَّهَ العَافِيَةَ فِي الدُّنْيَا وَالآخِرَةِ».

Abbaas ibnu Aabdulmuxxalib irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe:
Yaa Ergamaa Rabbii waan tokko kan ani Rabbii ol ta'een kadhu na barsiisi. Ergamaanis ni jedhani: «Fayyummaa Rabbiin kadhu», guyyaa hanga ta'e tureen, eegasii ammas dhufee akkas jedheen: yaa Ergamaa Rabbii waan tokko kan ani Rabbiin kadhu na barsiisi. Ergamaanis naan jedhani: «yaa Abbaas yaa abbeeraa ergamaa Rabbii, duuniyaa fi Aakhiraatti fayyummaa Rabbiin kadhu».

kanbirootiin sahiiha tirmiziifii ahmad odeessan sunana tarmizii - 3514

Ibsaa

Abbeeraan nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Abbaas ibnu Abdulmuxxalib -Rabbi isa irraa haa jaallatu- nabiyyiin akka du'aa'ii inni ittiin Rabbiin kadhatu isa barsiisanu isaan irraa barbaade, nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- fayyaa akka Rabbiin kadhatuu fi aakhiraa fi duuniyaatti balaa fi hirdhina irraa akka najaa baasu akka kadhatu isa barsiisani, Abbaasis ni jedhe: booda guyyoota wohiitii ammas yeroo lammataaf itti deebi'ee du'aa'iin Rabbiin kadhu akka na barsiisaniif isaan gaafadhe, isaanis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- haala jaalala isaaf agarsiisaniin akks jedhani: yaa Abbaas, yaa abbeeraa ergamaa Rabbii, fayyummaa Rabbiin kadhu, hamaa hunda deebisuu fi toltuu hunda fiduuf akkasumas duuniyaa fi Aakhiraatti faaydaa argachuuf isa kadhu.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeroo Abbaas yeroo lammaffaaf isaan gaafatetti deebiidhuma tokko deebisuun isaanii, fayyaan irra caalaa waan garbichi Rabbii isaa kadhatuu ta'uu agarsiisa.
  2. Sadarkaa fayyaan qabu ibsuutu keessa jira, akkasumas duuniyaa fi Aakiraatti wolitti qabni toltuu fayyaa keessa akka jiru ibsuutu keessa jira.
  3. Bolola sahaabonni -jaalalli Rabbii isaan irra haa jiraatu- beekumsaa fi toltuu dabalachuuf qabanu.

Garsisuu hiikowani

52 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
TA தமிழ் afaan taamilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
KY Кыргызча qargiiziffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
CS Čeština cheekiffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
AZ Azərbaycan azriffaa
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية