1. fuula hangafaa ykn tokkoffaa
  2. tarreewwan
  3. aqiidaa

hadiisa Mee waa’ee Dajjaal irraa dubbii tokko kan nabiyyiin tokkolleen ummata isaatti hin himin isinitti hin himuu? Ijji isaa jaamaadha, fakkeenya jannataa fi azaabaa of waliin qabatee dhufa

عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«أَلاَ أُحَدِّثُكُمْ حَدِيثًا عَنِ الدَّجَّالِ، مَا حَدَّثَ بِهِ نَبِيٌّ قَوْمَهُ؟ إِنَّهُ أَعْوَرُ، وَإِنَّهُ يَجِيءُ مَعَهُ بِمِثَالِ الجَنَّةِ وَالنَّارِ، فَالَّتِي يَقُولُ إِنَّهَا الجَنَّةُ هِيَ النَّارُ، وَإِنِّي أُنْذِرُكُمْ كَمَا أَنْذَرَ بِهِ نُوحٌ قَوْمَهُ».

Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- akkas jedhan:
«Mee waa’ee Dajjaal irraa dubbii tokko kan nabiyyiin tokkolleen ummata isaatti hin himin isinitti hin himuu? Ijji isaa jaamaadha, fakkeenya jannataa fi azaabaa of waliin qabatee dhufa, Isheen inni jannata jedhuun ibidda, Ani ammoo akkuma Nuuh ummata isaa isa akeekkachiise isa isin akeekkachiisa».

sirrii Bukharif muslim irratti waliigalan Sahiiha bukhaarii - 3338

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- waa’ee Dajjaal, amaloota isaa fi mallattoolee isaa kan nabiyyiin tokkolleen isaanin duratti ummata isaatif hin himin sahaabota isaanitti himan, sana keessaa:
Ijji isaa jaamaa dha.
Rabbiin ol tahe akka mul’ata ijaatti waan akka jannataa fi ibiddaa isa wajjin taasise.
Garuu jannanni isaa ibidda, ibiddi isaa ammoo jannata, nama isa tole jedhe akka namoonni ilaalanitti jannata isaa galcha, garuu isheen ibidda nama gubduudha, nama isa dide ammoo akka namoonni ilaalanitti ibidda isa galcha, garuu isheen jannata bareedduu dha. ُEegasii Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkuma Nuuh waa’ee isaa ummata isaa akeekkachiise fitnaa isaa nu akeekkachiisaniiru.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Qormaatni Dajjaal guddaa ta'uudha.
  2. Qormaata dajjaal irraa nagaa bahuun kan danda'amu dhugummaa amantii fi gara Rabbii ol ta'etti deebi'uun ta'a, akkasumas Tashahhuda dhumaa keessatti isa irraa Rabbiin maganfachuu fi jalqaba suuraa Kahf irraa aayatoota kudhan qomatti qabachuu dhaani.
  3. Cimina yaaddoo Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- ummata isaanitiif qabaniidha, sunis amaloota Dajjaal kan nabiyyiin isaan duraa tokkolleen hin ibsin Muslimootaaf ibsuu isaanii keessatti mul'ata.

Garsisuu hiikowani

57 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
UG ئۇيغۇرچە igooriffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
TA தமிழ் afaan taamilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
KY Кыргызча qargiiziffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
YO Yorùbá yoorbaffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
SO Soomaali HSomaaliffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
CS Čeština cheekiffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
AZ Azərbaycan azriffaa
UZ O‘zbek uzbeekiffaa
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية
KMR Kurmancî الكرمنجية