1. fuula hangafaa ykn tokkoffaa
  2. tarreewwan
  3. aqiidaa

hadiisa Balaan mu'uminaa fi mu'umintittii tuquu irraa hin hafu lubbuu isaa, ilma isaa fi qabeenya isaa keessatti isa tuquu irraa hin hafu hanga haala badiin tokko isa irra hin jirreen Rabbiin wol ga'utti

عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رضي الله عنه قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«مَا يَزَالُ البَلاَءُ بِالمُؤْمِنِ وَالمُؤْمِنَةِ فِي نَفْسِهِ وَوَلَدِهِ وَمَالِهِ حَتَّى يَلْقَى اللَّهَ وَمَا عَلَيْهِ خَطِيئَةٌ».

Abuu Hurayraa irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahamataa fi nageenya isa irratti haa buusu- ni jedhani:
«Balaan mu'uminaa fi mu'umintittii tuquu irraa hin hafu lubbuu isaa, ilma isaa fi qabeenya isaa keessatti isa tuquu irraa hin hafu hanga haala badiin tokko isa irra hin jirreen Rabbiin wol ga'utti».

hasani tirmiziifii ahmad odeessan sunana tarmizii - 2399

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- balaa fi mokkoroon gabricha mu'uminaa fi mu'umintittii irraa akka adda hin baane himani, lubbuu isaa keessatti fayyaa isaatii fi qaama isaa, ilmaan isaa keessatti dhukkuba yookaan du'a yookaan haadhaaf abbaatti jallina yookaan waan biraatiin, qabeenya isaa keessatti immoo rakkachuu, daldalli isaa kasaaruu, hatamuu, jireenyi qaala'uu fi rizqiin dhiphachuu, hanga Rabbiin sababaa balaa sanaatiin hunda badii isaa isaaf haqee jennaan yeroo Raabbiin wol ga'utti hunda badii fi dilii hojjatee irraa dhugaan qulqulluu ta'utti.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Rahmata Rabbiin gabroota isaa mu'umintootaaf oole keessaa osoo duuniyaa keessa jiranuu sababaa balaa duuniyaatiin badii isaanii isaan irraa haquudha.
  2. Ulaagaa iimaanaa qabaachuutiin balaan badii haqa, gabrichi yoo obsee kan hin aarre ta'e mindaa itti argata.
  3. Waan hunda keessatti obsa irratti jajjabeessuu, waan jaallatanuu fi jibban irratti, hanga waan Rabbiin dirqama isa irratti taasise geessutti ni obsa, hanga waan Rabbiin haraama isa irratti godhe irraa fagaatutti ni obsa, mindaa Rabbii kajeelee adabbii isaa sodaatee.
  4. ''Mu'uminaa fi mu'umintittii" jechuu keessatti, jecha "mu'umintittii" jedhu dabaluun dubartii irratti dirqamni dabalataa jiraachuuf ragaadha; osoo "mu'umina" qofa jedhee dhiises dubartiinis inuma galti, sun waan dhiira qofa hin ilaallanneef jecha, balaan dubartii yoo mudate isiinis mindaadhuma akka kanaa badii fi diliiwwan haqamuutu waadaa isiidhaaf seename.
  5. Laalaa yeroodhaa yerootti gabricha mudatu waan isatti salphisu keessaa sadarkaa balaa irratti hundaa'ee kennamuudha.

Garsisuu hiikowani

52 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
TA தமிழ் afaan taamilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
KY Кыргызча qargiiziffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
CS Čeština cheekiffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
AZ Azərbaycan azriffaa
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية