1. fuula hangafaa ykn tokkoffaa
  2. tarreewwan
  3. sadarkaaleefii naamusoota

hadiisa Hanga amantanitti Jannata hin seentan, hanga wal jaallattanitti hin amantan, waan yoo isa hojjattan wal jaallattanitti isin qajeelchuu? salaamtaa gidduu keessanitti waliin jechuu heddummeessaa”

عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رضي الله عنه قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«لَا تَدْخُلُونَ الْجَنَّةَ حَتَّى تُؤْمِنُوا، وَلَا تُؤْمِنُوا حَتَّى تَحَابُّوا، أَوَلَا أَدُلُّكُمْ عَلَى شَيْءٍ إِذَا فَعَلْتُمُوهُ تَحَابَبْتُمْ؟ أَفْشُوا السَّلَامَ بَيْنَكُمْ».

Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhan:
"Hanga amantanitti Jannata hin seentan, hanga wal jaallattanitti hin amantan, waan yoo isa hojjattan wal jaallattanitti isin qajeelchuu? salaamtaa gidduu keessanitti waliin jechuu heddummeessaa”.

sirrii Muslimtu gabaase Sahiiha muslim - 54

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- mu'umitoota malee namni biraa akka jannata hin seenne fi iimaanni akka hin guutamne, akkasumas hanga gariin isaanii garii jaallatutti haalli hawaasa muslimaas akka hin tolle ibsaniiru. Eegasii Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gara irra caalaa wantoota wal jaallachuuf sababaa ta'anitti qajeelchan, innis salaamtaa Rabbiin gabroota Isaatif kabajaa taasise gidduu muslimootatti waliin jechuu heddummeessuudha. ​

bu.aa hadiisa irraa

  1. Jannata seenuun iimaanan malee hin ta'u.
  2. Guutummina iimaanaa irraa Muslimni tokko waan ofii isaatiif jaallatu obboleessa isaatif jaallachuudha.
  3. Gidduu muslimootatti salaamtaa babal’isuun jaallatamaa ta'uudha; sababni isaas waan isa keessa gidduu namootatti jaalalaa fi nageenya babal'isuun jiruuf jecha.
  4. Salaamtaan muslima malee nama birootin hin jedhamu; sababbni isaas Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan akkana jedhaniif jecha: "Gidduu keessanitti".
  5. Salaamtaa waliin jechuu keessa wal muruu, waliin ooduu fi wal jibbuu balleessuutu jira.
  6. Gidduu muslimootatti wal jaallachuun barbaachisaa ta'uu fi innis guutummina iimaanaa irraa ta'uudha.
  7. Hadiisa biraa keessatti jechi salaamtaa guutuu ta'ee akkana jechuutu jira: "As-salaamu Aleykum warahmatullahi wabarakaatuh", akkana jechuunis: "As-salaamu Aleykum" ni gaya.

Garsisuu hiikowani

58 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
UG ئۇيغۇرچە igooriffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
TA தமிழ் afaan taamilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
KY Кыргызча qargiiziffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
YO Yorùbá yoorbaffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
SO Soomaali HSomaaliffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
CS Čeština cheekiffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
AZ Azərbaycan azriffaa
UZ O‘zbek uzbeekiffaa
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
BM Bambara البامبارية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية
KMR Kurmancî الكرمنجية