1. fuula hangafaa ykn tokkoffaa
  2. tarreewwan
  3. fiqhiifii beekkomsa hundee isaa

hadiisa Guyyaa gabroonni isa keessatti bariisifatan hunda keessatti malaa'ikoonni lama yoo gad bu’an malee hin hafu, tokkoon isaanii akkas jedha: Yaa Rabbi nama waa kenneef bakka bu’aa kenni, inni kaan immoo akkana jedha: Yaa Rabbi isa waa of biratti qabatu kan homaa hin kennineef badii kenni

عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ أَنَّ النَّبِيَّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ:
«مَا مِنْ يَوْمٍ يُصْبِحُ العِبَادُ فِيهِ إِلَّا مَلَكَانِ يَنْزِلاَنِ، فَيَقُولُ أَحَدُهُمَا: اللَّهُمَّ أَعْطِ مُنْفِقًا خَلَفًا، وَيَقُولُ الآخَرُ: اللَّهُمَّ أَعْطِ مُمْسِكًا تَلَفًا».

Abuu Hureyraa irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan:
«Guyyaa gabroonni isa keessatti bariisifatan hunda keessatti malaa'ikoonni lama yoo gad bu’an malee hin hafu, tokkoon isaanii akkas jedha: Yaa Rabbi nama waa kenneef bakka bu’aa kenni, inni kaan immoo akkana jedha: Yaa Rabbi isa waa of biratti qabatu kan homaa hin kennineef badii kenni».

sirrii Bukharif muslim irratti waliigalan Sahiiha bukhaarii - 1442

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- guyyaa aduun isa keessatti baatu hunda keessatti malaa'ikoonni lama gad bu’anii akka lallaban himan, tokkoon isaanii akkana jedha:
Yaa Rabbi nama karaa Rabbii keessatti, maatii ofii irratti keessummoota irrattii fi karaa tola ooltummaa keessatti nama waa kennatuuf bakka bu’aa kenni, waan baaseef waan gaariin beenyaa isaaf kenni, barakaas isaaf godhi.
Inni kaan immoo akkana jedha: Yaa Rabbi nama karaa Rabbii keessatti hin kennineef badii kenni, qabeenya isaa kan namoota haqa isa godhatan irraa isa dhoorges jalaa balleessi.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Beenyaa dabalataa akka argatuu fi waan baase caalaan akka bakka isaaf buusu nama arjaaf du'aa'ii godhuun akka danda'amuudha, nama gadadoo qabu immoo qabeenyi isaa kan inni ittiin don'oomee waan Rabbiin isa irratti dirqama taasise keessatti isa baasuu dide isa jalaa akka badu isa abaaruun akka danda'amuudha.
  2. Malaa'ikoonni mu'umintoota gaggaarii kennataniif kheyrii fi barakaan akka isaanif kadhataniidha, kadhannaan isaanii qeebalamaadha.
  3. Wantoota dirqamaa fi tola ooltummaa keessatti kennachuu irratti kakaasuudha; kan akka maatiidhaaf baasii baasuu, rahima fufuu fi karaalee kheyrii hunda keessatti kennachuu.
  4. Sadarkaa nama karaa kheyrii keessatti baasii baasuu ibsuudha, akkasumas Rabbiin akka isaaf bakka buusu ibsuudha, Rabbiin ol ta'e akkana jedhe: ﴾Kheyrii irraa wanta isin baastan hundumaa inni bakka isa buusa, Inni irra caalaa warra warra soorata kennaniiti﴿ [Saba'a: 39].
  5. Kadhannaan kun nama baasii malu kaffaluu irraa of qusate irratti godhama, baasiin sunnaa immoo kana keessa hin galu; Sababni isaas abbaa isaatif abaarsi kun waan hin malleef jecha.
  6. Gadadoo fi don'ummaan haraama ta'uu.

Garsisuu hiikowani

51 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
UG ئۇيغۇرچە igooriffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
TA தமிழ் afaan taamilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
YO Yorùbá yoorbaffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية