1. fuula hangafaa ykn tokkoffaa
  2. tarreewwan
  3. aqiidaa

hadiisa Eenyuu keessanuu Rabbiin haala gidduu isaatii fi gidduu keessanitti turjumaanni hin jirreen isa haasofsiisu malee hin hafu

عَنْ عَدِيِّ بْنِ حَاتِمٍ رضي الله عنه قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«مَا مِنْكُمْ مِنْ أَحَدٍ إِلَّا سَيُكَلِّمُهُ اللهُ، لَيْسَ بَيْنَهُ وَبَيْنَهُ تُرْجُمَانٌ، فَيَنْظُرُ أَيْمَنَ مِنْهُ فَلَا يَرَى إِلَّا مَا قَدَّمَ، وَيَنْظُرُ أَشْأَمَ مِنْهُ فَلَا يَرَى إِلَّا مَا قَدَّمَ، وَيَنْظُرُ بَيْنَ يَدَيْهِ فَلَا يَرَى إِلَّا النَّارَ تِلْقَاءَ وَجْهِهِ، فَاتَّقُوا النَّارَ وَلَوْ بِشِقِّ تَمْرَةٍ».

Adiyyii ibnu Haatim irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
«Eenyuu keessanuu Rabbiin haala gidduu isaatii fi gidduu keessanitti turjumaanni hin jirreen isa haasofsiisu malee hin hafu, namichi yeroo sana mirga isaa ilaalee waan dabarse malee homaa hin argu, gara bitaa isaas ilaalee waan dabarse malee homaa hin argu, fuuldura isaas ilaalee ibidda malee fuula isaa duratti homaa hin argu, Rabbiin sodaadhaa cinaa tamiraatiin osoo ta'ellee».

sirrii Bukharif muslim irratti waliigalan Sahiiha muslim - 1016

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hundi mu'uminaatuu guyyaa qiyaamaa qofaa isaa Rabbiin fuuldura akka dhaabbatu himani, Rabbiin simaa baloo tokkoon malee, akkasumas gidduu isaanii turjumaanni haasawa isaanii hiiku jiraachuun maletti isa haasofsiisa, akkaan rifachuu irraa kan ka'een gara mirga isaatii fi bitaa isaa ilaala, tarii karaa ittiin deemu argatee isaan ibidda fuuldura isaa jiru irraa najaa ba'uun ni mala isa jedhuuf. Gara mirga isaa yeroo ilaalu hojii gaarii irraa waan dabarfate malee homaa hin argu, Yeroo gara bitaa isaa ilaalus hojii badaa dabarse malee homaa hin argu. Yeroo fuuldura isaa ilaalus ibidda malee homaa hin argu, isii irraa dabuun isaaf hin ta'u siraaxa irra darbuun hafiinsa waan hin qabneef jecha. Eegasii nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gidduu keessanii fi gidduu ibiddaatti sadaqaa fi hojii toltuu ittisa taasifadhaa jedhani, waan xiqqoon yoo ta'ellee akka wolakkaa tamiraa.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Sadaqaatti kakaasuutu keessa jira yoo xiqqaatellee, akkasumas wontoota gaggaarii amaleeffachuu fi haala laafaan haasaa laaffisuun namootaan woliin hojjachuu.
  2. Guyyaa qiyaamaatti Rabbiin gabricha isaatti dhihoo ta'uudha, gidduu isaaniitti girdoon, simaa baloon akkasuma turjumaannis waan hin jirreef, mu'uminni ajaja Rabbii faalleessuu irraa of haa eeggatu.
  3. Ilmi namaa waan saddaqatu tuffachuu dhabuutu isa irra jiraata, waan xiqqoo yoo ta'ellee, ibbidda irraa gaachana waan isaaf ta'uuf jecha.

Garsisuu hiikowani

52 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
TA தமிழ் afaan taamilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
KY Кыргызча qargiiziffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
CS Čeština cheekiffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
AZ Azərbaycan azriffaa
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية