1. fuula hangafaa ykn tokkoffaa
  2. tarreewwan
  3. aqiidaa

hadiisa Ani wantoota shan kan na dura nama tokkoof hin kennaminin kenname

عَنْ جَابِرِ بْنِ عَبْدِ اللَّهِ رضي الله عنهما أَنَّ النَّبِيَّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ:
«أُعْطِيتُ خَمْسًا لَمْ يُعْطَهُنَّ أَحَدٌ قَبْلِي: نُصِرْتُ بِالرُّعْبِ مَسِيرَةَ شَهْرٍ، وَجُعِلَتْ لِي الأَرْضُ مَسْجِدًا وَطَهُورًا، فَأَيُّمَا رَجُلٍ مِنْ أُمَّتِي أَدْرَكَتْهُ الصَّلاَةُ فَلْيُصَلِّ، وَأُحِلَّتْ لِي المَغَانِمُ، وَلَمْ تَحِلَّ لِأَحَدٍ قَبْلِي، وَأُعْطِيتُ الشَّفَاعَةَ، وَكَانَ النَّبِيُّ يُبْعَثُ إِلَى قَوْمِهِ خَاصَّةً وَبُعِثْتُ إِلَى النَّاسِ عَامَّةً».

Jaabir bin Abdullaah irraa akka odeeffametti -Rabbi isaan lamaan irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- akkana jedhan:
«Ani wantoota shan kan na dura nama tokkoof hin kennaminin kenname: Imala ji'a tokkoo irraa diinni na sodaachuunin tumsame, dachiin iddoo salaataa fi xaaharaa naaf taasifamte, Kanaaf ummata kiyya irraa namni kamuu kan salaanni itti geesse haa salaatuu, boojuun anaaf halaala ta'e, na dura nama kamiifuu halaala hin turre, shafaa'aan naaf kenname, Nabiyyiin tokko yeroo ergamu ummata isaa qofatti ergama, ani immoo walumaa galatti namootaaf ergame».

sirrii Bukharif muslim irratti waliigalan Sahiiha bukhaarii - 335

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- wantoota shan kan Nabiyyoota isaan dura turan keessaa namni tokkolleen hin kennamin akka Rabbiin isaanif kennne himan:
Tokkoffaa: Anaa fi isaan gidduu imalli ji’a tokkoo yoo jiraatellee sodaan onnee diinota kootii keessatti darbatamuun tumsameera.
Lammaffaa: Lafti bakka jirru hundatti akka salaannuuf masjiida fi bakka bishaan hin jirretti biyyeedhaan qulqulleessaa naaf taasifamteerti.
Sadaffaa: Boojuun waraanaa nuuf hayyamameera, isheenis boojuu Muslimoonni lola kaafiroota waliin godhan keessatti fudhatanidha.
Afraffaa: Guyyaa Qiyaamaa haala sodaachisaa irraa namoota bilisa baasuu keessatti shafaa'aan guddoon naaf kennameera.
Shanaffaa: Ani gara uumama hundaatti ergame, nama isaanii fi jinnii isaaniitti, kuni faallaa nabiyyoota isaan dura turaniiti, isaan gara ummata isaanii qofatti kan ergaman ta'an.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Gabrichi tokko qananiiwwan Rabbiin isaaf ta'e ishee beeksisuu fi Rabbiin irratti galateeffachuuf jecha ishee lakkaa'uun akka danda'amuudha.
  2. Rabbiin ol tahe ummata kanaa fi Nabiyyii isaanii irratti wantoota kanaan tola akka ooleedha.
  3. Haala kamiinuu ulaagaalee, ruknoowwanii fi dirqamoota ishee irraa waan danda'e raawwachuun salaata yeroon salaatuun dirqama ta'uudha.
  4. Shafaa'aan Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- nabiyyoota biroo irraa adda qaban gosoota hedduu qaba; Isaan keessaa tokko: Uumamtoota jiddutti murteen akka godhamuuf isaanif shafaa'aa seenuu isaaniti. Isaan keessaa: warri jannataa jannata akka galaniif shafaa'aa seenuu isaaniti. Isaan keessaa ammas: addatti adeera isaanii Abuu Xaalib ibidda irraa bahuu osoo hin taane irraa salphisuu keessatti shafaa'aa seenuu isaaniti; inni waan kufrii irratti du'eef jecha.
  5. Wantoota addatti Nabiyyiif -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- ta'an kan hadiisa kana keessatti hin dubbatamin hedduutu jira, Isaan keessaa: Jechoota walitti qabaa ta'an kennamuu, Xumuura Nabiyyootaa tahuu isaanii, Tarreen keenya akka tarree malaa'ikootaa tahuu fi wantoota irraa kanneen birooti.

Garsisuu hiikowani

52 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
UG ئۇيغۇرچە igooriffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
TA தமிழ் afaan taamilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
KY Кыргызча qargiiziffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
YO Yorùbá yoorbaffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية