1. fuula hangafaa ykn tokkoffaa
  2. tarreewwan
  3. aqiidaa

hadiisa Hanga ani isin dhiisetti na dhiisaa, warra isin dura darban wanti balleesse, gaaffii isaanii fi Anbiyoota isaanii irratti wal dhabuu isaaniti

عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رضي الله عنه عَنِ النَّبِيِّ صلى الله عليه وسلم قَالَ:
«دَعُونِي مَا تَرَكْتُكُمْ، إِنَّمَا هَلَكَ مَنْ كَانَ قَبْلَكُمْ بِسُؤَالِهِمْ وَاخْتِلَافِهِمْ عَلَى أَنْبِيَائِهِمْ، فَإِذَا نَهَيْتُكُمْ عَنْ شَيْءٍ فَاجْتَنِبُوهُ، وَإِذَا أَمَرْتُكُمْ بِأَمْرٍ فَأْتُوا مِنْهُ مَا اسْتَطَعْتُمْ».

Abuu Hureyraa irraa odeeffame, Rabbiin irraa haa jaallatu, Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas jedhan:
«Hanga ani isin dhiisetti na dhiisaa, warra isin dura darban wanti balleesse, gaaffii isaanii fi Anbiyoota isaanii irratti wal dhabuu isaaniti, Kanaaf yeroon ani waan tokko irraa isin dhoorge irraa fagaadhaa, yeroon ani waan tokkotti isin ajaje waan irraa dandeessan hojjedhaa».

sirrii Bukharif muslim irratti waliigalan Sahiiha bukhaarii - 7288

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- murtiin shari'aa bakka sadiitti akka qoodamu ibsan: waan irraa callifame, wantoota irraa dhoorgaan godhamee fi waan itti ajajame.
Kan jalqabaa immoo: waan Shari’aan irraa callise: murtiin itti hin dhufne, Bu'urri wantoota keessatti dirqamni jiraachuu dhabuudha; Yeroo Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- jiran keessatti wanta hin argamin irraa gaafachuu dhiisuun dirqama ta'a; sababni isaas dirqamni ykn dhoorgaan itti bu'uu sodaaf jecha, Rabbiin gabroota isaatif rahmata godhuuf waan dhiisef jecha. Du'a isaanii booda ammoo -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- gaaffiin bifa fatwaatiin ykn dhimma amantii ilaalchisee waan isa barbaachisu bifa barnootatiin yoo ta'e inni eeyyamamaadha dabrees itti ajajamaadha. Yoo bifa mata jabinaafi dhiibbaatiin ta’e, inni isa hadiisa kana keessatti irraa gaafachuu dhiisutti ajajni godhameedha; sababni isaas fakkaataa waan ummata banii Israa’el mudatetti geessuun isaa waan maluuf jecha, Yeroo sa'aa (Horii) akka qalan ajajaman osoo horii kamiyyuu qalanii ajajni irraa bu'a ture, garuu isaan ofirratti jabeessinaan irratti jabeeffame.
Lammaffaan: Dhoorgaalee; isheenis: waan namni dalaguu dhiise mindaa itti argatu, kan namni dalage ammoo itti adabamuudha, kanaafuu hunda ishee irraa fagaachuun dirqama ta'a.
Sadaffaan: Ajajoota; Innis waan namni isa hojjate itti mindeeffamu, kan dhiise immoo itt adabamu dha, kanaafuu hamma danda’ametti ajajoota raawwachuun dirqama ta'a.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Waan baay’ee barbaachisaa ta’etti xiyyeeffachuun, ammaaf waan haajaan ittu hin jirre dhiisuu fi waan hin argamin tokko irraa gaafachuu dhiisuun barbaachisaa dha.
  2. Gaaffii gara walxaxiinsa dhimmootatti geessuu danda'uu fi balbala shakkii walii galtee dhabuu hedduutti nama geessu banuun dhoorgaa ta'uudha.
  3. Waan dhoorgame hunda dhiisutti ajajuudha; sababni isaas isa dhiisuu keessatti rakkinni waan hin jirreef jecha, kanaaf akka walii galatti irraa dhoorguun godhame.
  4. Hamma danda’ametti waan itti ajajame raawwachuutti ajajuudha; Sababni isaas itti ulfaachuu danda’a ykn irraa dadhabuutu mala waan ta'eef jecha; Kanaaf hamma danda'ameen itti hojjechuutti ajajame.
  5. Gaaffii baay'isuun dhoorgaa tahuudha, Ulamaa'in dhugumatti gaaffilee bakka lamatti qoodaniiru: Tokkoffaan: Dhimma amantii ilaalchisee waan barbaachisaa ta'e bifa barnootaatiin gaafachuu yoo ta'u, kuni itti ajajamaadha, gaafileen sahaabotaa gosa kana irraayi. Inni lammaffaa: gaafilee bifa mataa jabinaafi itti of dirqanii gaafataniidha, kuni isa irraa dhoorgameedha.
  6. Ummata kana akka ummata isaan dura darbanitti argametti Nabiyyii isaanii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akka hin faallessine akeekkachiisuudha.
  7. Waa’ee waan hin barbaachifnee baay’ee gaafachuu fi anbiyoota irratti walii galuu dhabuun sababaa badiinsaati, keessumattuu dhimmoota itti gayuun hin mijjanne kan akka: dhimma wanta hin mul’annee kan Rabbiin qofti beekuu fi haalawwan Guyyaa Qiyaamaa.
  8. Dhimmoota rakkisoo ta’an irraa gaafachuu dhoorguudha, Awzaa'in akkas jedha: Rabbiin garbicha isaa barakaa beekumsaa dhoorguu yoo barbaade dogongora arraba isaa irratti darbata, Beekumsaan irra xiqqaa namootaa ta'un dhugumatti isaan arge. Ibnu Wahb ammoo akkas jedha: Imaamu Maalikii akkas jedhuun dhagahe: Beekumsa keessatti falmuun ifa beekumsaatin qalbii namichaa irraa deema.

Garsisuu hiikowani

61 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
FR Français Faransaayiffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
TA தமிழ் afaan taamilii
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
JA 日本語 jaappaaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
KY Кыргызча qargiiziffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
YO Yorùbá yoorbaffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
SO Soomaali HSomaaliffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
CS Čeština cheekiffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
AZ Azərbaycan azriffaa
UZ O‘zbek uzbeekiffaa
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
BM Bambara البامبارية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية
DA Dansk الدنماركية
RN Kirundi الكيروندي
KMR Kurmancî الكرمنجية
MS Bahasa Melayu الملايو