عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رضي الله عنه أَنَّ النَّبِيَّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ:
«خَيْرُ يَوْمٍ طَلَعَتْ عَلَيْهِ الشَّمْسُ يَوْمُ الْجُمُعَةِ، فِيهِ خُلِقَ آدَمُ، وَفِيهِ أُدْخِلَ الْجَنَّةَ، وَفِيهِ أُخْرِجَ مِنْهَا، وَلَا تَقُومُ السَّاعَةُ إِلَّا فِي يَوْمِ الْجُمُعَةِ».

Abuu Hureyraa odeeffamee -Rabbiin irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isarratti haa jiraatu- akkana jedhan:
«Irra caalaan Guyyaa aduun itti baatee guyyaa Jum’aati, guyyaa kana keessatti Aadam uumame, isa keessatti ammas Jannata seensifame, guyyaa kana keessatti irraa ari’ames, guyyaa Jum’aa malee Qiyaamaan hin dhaabbattu».

sirrii Muslimtu gabaase Sahiiha muslim - 854

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- irra caalaan guyyaa aduun itti baatee guyyaa Jum’aa akka ta’e himan. Wantoota guyyaa Jum'aa adda godhan keessaa: Rabbiin guyyaa kana keessatti Aadamiin uume, Isa keessatti Jannata isa seensise, isa keessatti ammas jannata keessaa isa baasee gara lafaatti isa buuse, Guyyaa jum'aa keessatti malee qiyaamaan hin dhaabbatu.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Guyyaan Jimaataa guyyoota torbaanii kanneen biroo hunda caalaa sadarkaa akka qabuudha.
  2. Guyyaa Jimaataa keessatti hojii gaggaarii baay'isanii hojjechuu irratti kakaasuudha, akkasumas rahmata Rabbii argachuu fi dheekkamsa Isaa jalaa bahuuf qophaa’uun barbaachisaa akka ta'eedha.
  3. Wantoonni guyyaa Jum’aa adda taasisan tan Hadiisa keessatti ibsaman kunneen akkana jedhame: isiin Sadarkaa guyyaa Jum’aa dubbachuufii miti; Sababni isaas Aadam Jannata irraa baafamuu fi Qiyaamaan dhaabbachuun akka sadarkaatti waan hin ilaalamneef jecha. Akkasis jedhame: hundi isaaniituu sadarkaa caalmaati, Aadam jannata irra bahuun ammoo ergamtoota, nabiyyoota fi namoota gaggaarii irraa sanyiin argamuuf sababaa ta’e, Qiyaamaan dhaabbachuun ammoo mindaa warra gaggaarii ariifachiisuu fi kabajowwan adda addaa irraa waan Rabbiin isaaniif qopheesse akka argataniif sababaa ta'e.
  4. Wantoota Hadiisa kana keessatti dubbataman malee wantoonni biroo kan guyyaa jum'aa adda taasisan dubbatamaniiru, isaan keessaa: guyyaa kana keessatti Aadam irratti towbaan deebi'ame, ammas isa keessatti du'e, guyyaa kana keessa sa’aatiin gabricha mu’uminaa kamiyyuu osoo kadhatee isa qunnamee, Rabbiin waan san isaaf kennu malee hin hafneetu jira.
  5. Irra caalaan guyyoota waggaa Guyyaa Arafaati, akkasiis jedhame: Guyyaa qalmaati, irra caalaan guyyoota torbaanii guyyaa Jum’aati, irra caalaan halkanii ammoo halkan qadriiti (leylatul qadr).

Garsisuu hiikowani

56 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
TA தமிழ் afaan taamilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
KY Кыргызча qargiiziffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
YO Yorùbá yoorbaffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
SO Soomaali HSomaaliffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
CS Čeština cheekiffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
AZ Azərbaycan azriffaa
UZ O‘zbek uzbeekiffaa
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية
KMR Kurmancî الكرمنجية