1. fuula hangafaa ykn tokkoffaa
  2. tarreewwan
  3. aqiidaa

hadiisa Waan ani irraa isin dhoorge irraa fagaadhaa, waan ani itti isin ajaje immoo hanga dandeessan isa irraa hojjadhaa

عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ عَبْدِ الرَّحْمَنِ بْنِ صَخْرٍ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ قَالَ: سَمِعْت رَسُولَ اللَّهِ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّم يَقُولُ:
«مَا نَهَيْتُكُمْ عَنْهُ فَاجْتَنِبُوهُ، وَمَا أَمَرْتُكُمْ بِهِ فَافْعَلُوا مِنْهُ مَا اسْتَطَعْتُمْ، فَإِنَّمَا أَهْلَكَ الَّذِينَ مِنْ قَبْلِكُمْ كَثْرَةُ مَسَائِلِهِمْ، وَاخْتِلَافُهُمْ عَلَى أَنْبِيَائِهِمْ».

Abuu Hureyraa Abdurrahmaan ibnu Sakhrii irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuun dhaga'e:
«Waan ani irraa isin dhoorge irraa fagaadhaa, waan ani itti isin ajaje immoo hanga dandeessan isa irraa hojjadhaa, worra isiniin duraa wanti dhabamsiise, gaaffii heddummeesuu isaaniitii fi nabiyyoota isaanii irratti wol dhabuu isaaniiti».

sirrii رواه البخاري ومسلم الأربعون النووية - 9

Ibsaa

Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageeya isaan irratti haa buusu- yeroo waan tokko irraa nu dhoorgan, adda baasuun maletti irraa fagaachuun dirqama akka nurratti ta'ee fi yeroo waan tokkotti nu ajajan immoo hanga dandeenyu irraa hojjachuun akka nurra jiru ifa nuuf galchani. Eegasii akka ummatoota darbanii, kan nabiyyoota isaanii faalleessuun gaaffii isaanirratti heddummeessanii jennaan, Rabbiin gosoota badiinsaatii fi diigamiinsaatiin isaan adabee akka hin taaneef nu akeekkachiisani, kanaaf akka isaan badanitti akka hin banneef, akka isaanii ta'uu dhabuutu nurraa barbaachisa.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Hadiisichi, wantoota itti ajajamne hojjachuu fi wantoota irraa dhorgamne irraa fagaachuun wal qabatee, dirqama nurra jiru ibsuu keessatti foormulaadha.
  2. Wantoota dhoorgaman keessatti, wanta tokkollee hojjachuun hin eeyyamamne, ajajni garuu dandeettiidhaan daangeffame; kunis kan ta'eef dhiisuun danda'amaadha, waa hojjachuun immoo, hojii itti ajajamne sana argamsiisuuf dandeettii gaafata waan ta'eefi.
  3. Gaaffii baay'isuun dhoorgaa tahuudha, Ulamaa'in dhugumatti gaaffilee bakka lamatti qoodaniiru: Tokkoffaan: Dhimma amantii ilaalchisee waan barbaachisaa ta'e bifa barnootaatiin gaafachuu yoo ta'u, kuni itti ajajamaadha, gaafileen sahaabotaa gosa kana irraayi. Inni lammaffaa: gaafilee bifa mataa jabinaafi itti of dirqanii gaafataniidha, kuni isa irraa dhoorgameedha.
  4. Ummata kana akka ummata isaan dura darbanitti argametti Nabiyyii isaanii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akka hin faallessine akeekkachiisuudha.
  5. Wanti irraa dhoorgame xiqqaa fi hedduus ni qabata; xiqqaa fi guddaa isaa irraa fagachuun malee, haraama irraa fagaachuun hin argamu waan ta'eef jecha, fakkeenyaaf: Rabbiin ribaa irraa nu dhoorgee jira, dhoorgaan kun immoo ribaa xiqqaa fi guddaas ni qabata.
  6. Sababoowwan gara haraamaatti nama geessan dhiisuudha; Kun hiikkaa irraa fagaachuu irraa waan ta'eef jecha.
  7. Ilma namaatiif Yeroo ajaja Ergamaa dhaga'etti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- "ajajichi dirqama moo jaallatamaadha?" jechuun hin barbaachisu, inumaa isa hojjachuutti ariifachuu qaba; jecha isaanii: «isa irraa hanga dandeessan hojjadhaa». jedhuuf jecha.
  8. Gaaffii heddummeessuun sababaa badiinsaati, keessattuu dhimmoota gaafatanii itti ga'uun hin danda'amne, kan akka gaaffii dhimmoota fagoo (gaybii) faa, akkaataa haala guyyaa qiyaamaa faa keessatti, kan akkasii keessatti gaaffii hin heddummeessin ni baddaatii, akkasuma worra of dirqisiisanuu fi worra gadi fageessanii waa qoqqotan irraa taataatii.

Garsisuu hiikowani

57 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
FR Français Faransaayiffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
TA தமிழ் afaan taamilii
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
KY Кыргызча qargiiziffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
CS Čeština cheekiffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
AZ Azərbaycan azriffaa
UZ O‘zbek uzbeekiffaa
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
BM Bambara البامبارية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية
DA Dansk الدنماركية
RN Kirundi الكيروندي
KMR Kurmancî الكرمنجية
MS Bahasa Melayu الملايو