عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رضي الله عنه أَنَّ رَسُولَ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ:
«أَتَدْرُونَ مَا الْمُفْلِسُ؟» قَالُوا: الْمُفْلِسُ فِينَا مَنْ لَا دِرْهَمَ لَهُ وَلَا مَتَاعَ، فَقَالَ: «إِنَّ الْمُفْلِسَ مِنْ أُمَّتِي يَأْتِي يَوْمَ الْقِيَامَةِ بِصَلَاةٍ وَصِيَامٍ وَزَكَاةٍ، وَيَأْتِي قَدْ شَتَمَ هَذَا، وَقَذَفَ هَذَا، وَأَكَلَ مَالَ هَذَا، وَسَفَكَ دَمَ هَذَا، وَضَرَبَ هَذَا، فَيُعْطَى هَذَا مِنْ حَسَنَاتِهِ، وَهَذَا مِنْ حَسَنَاتِهِ، فَإِنْ فَنِيَتْ حَسَنَاتُهُ قَبْلَ أَنْ يُقْضَى مَا عَلَيْهِ أُخِذَ مِنْ خَطَايَاهُمْ فَطُرِحَتْ عَلَيْهِ، ثُمَّ طُرِحَ فِي النَّارِ».

Abuu Hureyraa irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
«Eenyu hiyyeessa akka ta'e beektuu?» nu keessatti hiyyeessa jechuun nama dirhamas(maallaqaa) meeshaas hin qabne jedhani, ergamaanis ni jedhani: «ummata koo irraa hiyyeessa jechuun nama guyyaa qiyaamaa salaata, soomaa fi zakaan dhufee, isa kana arrabsee, isa kana immoo maqaa xureessee waan inni hin qabne irra kaa'ee, qabeenya isa kanaa immoo nyaatee, dhiiga isa kanaa immoo dhangalaasee, isa kana immoo rukutee kan dhufeedha, inni kun toltuu isaa irraa kennamaaf, isa kanaafis toltuu isaa irraa kennamaaf, waan isa irra jiru kaffalee osoo hin fixin toltuun isaa yoo dhumte immoo, badiin isaanii irraa fuudhamee isa irratti fe'amee, eegasii ibiddatti darbama».

sirrii Muslimtu gabaase Sahiiha muslim - 2581

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hiyyeessi eenyuun akka ta'e beektuu? jedhanii sahaabota isaanii gaafatani, isaanis nu keessatti hiyyeessa jechuun nama maallaqas meeshaas hin qabnedha jedhani, ergamaanis akkas jechuun deebisaniifi: ummata koo irraa hiyyeessa jechuun nama guyyaa qiyaamaa hojii gaggaarii irraa salaata, soomaa fi zakaadhaan dhufee, isa kana arrabsee, isa kana immoo maqaa xureessee, qabeenya isa kanaa immoo nyaatee isa waakkatee, dhiiga isa kanaa immoo dhangalaasee isa miidhee, isa kana immoo rukutee isa xinneessee nama dhufe, miidhamaan toltuu isaa irraa ni kennama, haqaa fi miidhaa isa irra jiru osoo hin kaffalin toltuun isaa yoo dhumte immoo, badiin miidhamtootaa irraa fuudhamee barruulee namicha isaan miidhee sana irra kaa'ama, eegasii toltuun waan isaaf hin hafiniif ibiddatti darbama.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Haraama keessatti kufuu irraa sodaachisuutu keessa jira, keessattuu haqa gabrootaa kan wantootaa fi kabajaan wol qabatu keessatti.
  2. Haqni uumamtootaa gidduu isaaniitti himannaa irratti hundaa'a, haqni uumaa immoo wonti shirkiin ala jiru dhiifama irratti hundaa'a.
  3. Adeemsa marii nama dhageeffatu hawwatuu fi ilaalcha isaa dammaqsu akkasuma yaada isaa kakaasu fayyadamuudha, keessattuu guddisaa fi qajeelcha keessatti.
  4. Hiikkaa hiyyeessaa isa dhugaa ifa galchuutu keessa jira, inni isa miidhamtoonni isaa guyyaa qiyaamaa hojiiwwan isaa gaggaarii isa jalaa fudhatanudha.
  5. Guyyaa qiyaamaa hanga wonti tokko isii irraa hin hafnetti toltuun hundi gumaaf kaffalamuutu jira.
  6. Wolitti dhufeenyi Rabbiin uumaa isaa woliin qabu hundi wol qixxummmaa fi haqa irratti gadi dhaabbata.

Garsisuu hiikowani

52 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
TA தமிழ் afaan taamilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
KY Кыргызча qargiiziffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
CS Čeština cheekiffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
AZ Azərbaycan azriffaa
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية