عَنْ ‌أَبِي هُرَيْرَةَ رَضِيَ اللهُ عَنْهُ قَالَ:
كَانَ أَهْلُ الْكِتَابِ يَقْرَؤُونَ التَّوْرَاةَ بِالْعِبْرَانِيَّةِ، وَيُفَسِّرُونَهَا بِالْعَرَبِيَّةِ لِأَهْلِ الْإِسْلَامِ، فَقَالَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ: «لَا تُصَدِّقُوا أَهْلَ الْكِتَابِ وَلَا تُكَذِّبُوهُمْ، وَقُولُوا: {آمَنَّا بِاللهِ وَمَا أُنْزِلَ إِلَيْنَا} [البقرة: 136] الْآيَةَ».

Abuu hurayraa irraa akka odeeffametti- Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe:
Warri kitaabaa afaan ibriyyaatiin tawraatiin qara'anii worra islaamaatiif arabiffatti hiiku turan yoo ta'u, ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buus- akkas jedhani: «Warra kitaabaa hin dhugeessinaas hin sobsiisinaas, {Rabbii fi waan gara keenyatti buufametti amanne} jedhaa, [al-baqaraa: 136]».

sirrii Bukhaariitu gabaase Sahiiha bukhaarii - 4485

Ibsaa

nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan worri kitaabaa kitaabolee isaanii irraa odeessaniin gowwoomfamuu irraa ummata isaanii sodaachisani, yahuudonni yeroo nabiyyiii keessatti -Rabbiin rahmataa nageenya isaan irratti haa buusu- tawraatiin afaan ibriffaatiin qara'anii -inni afaan yahuudaati- gara arabiffaatti hiiku turani, nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- worra kitaabaa hin dhugeessinaas hin sobsiisinaas jedhani, kun waan dhugaa fi soba ta'uun isaa addaan hin baafamne keessatti; sun immoo Rabbiin waan gara keenyatti buufame qur'aanatti amanuu fi kitaaba gara isaaniitti buufamettis amanuutti waan nu ajajeefi, garuu immoo sirrummaa waan isaan dubbatanuu kana dogongorummaa isaa irraa adda baasnee baruuf shari'aa keenya keessatti dhugummaa isaa sobummaa isaa irraa wanti ibsu yoo hin dhufin karaan biraa waan nuuf hin jirreefi. kanaaf of qabna, isaan hin dhugeessinu; waan isaan dabsan keessatti isaaniin waliin qooda akka hin fudhanneef jecha, akkasuma isaan hin sobsiifnu; sirriis ta'uu malee jennaan, waan Rabbiin isatti amanuu nu ajaje worra mormu irraa waan taanuuf jecha, nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas akka jennu nu ajajani: {Nuti Rabbitti amannee jirra, waan gara keenyatti buufamettis; waan gara Ibraahiim, Ismaa’iil, Isihaaq, Ya’aquubii fi Asbaaxitti buufametti (amannee jirra). Waan Muusaafi Iisaan kennamanittis. Waan nabiyyootaaf Gooftaa isaanii irraa kennamettis (amannee jirra). Isaan irraa gidduu nama tokkoos addaan hin baafnu. Nutis warra Isaaf butameedha} [Al-baqarah: 136].

bu.aa hadiisa irraa

  1. wanti worri kitaabaa odeessan gosoota sadii: gosa qur'aanaa fi hadiisaan wal simatu sun ni dhugeeffama, gosa qur'aanaa fi hadiisa faalleessu kun dhara waan ta'eef ni kijibsiifama. gosti sadaffaan immoo wanti dhugummaa isaatii fi kijibummaa isaa mul'isu qur'aanaa fi hadiiisa keessa hin jiru; kun ni odeeffama, garuu immoo hin dhugeeffamus hin kijibsiifamus.

Garsisuu hiikowani

68 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
UG ئۇيغۇرچە igooriffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
FR Français Faransaayiffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
TA தமிழ் afaan taamilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
JA 日本語 jaappaaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
KY Кыргызча qargiiziffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
YO Yorùbá yoorbaffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
SO Soomaali HSomaaliffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
CS Čeština cheekiffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
FF Fulfulde foolaaniyyaa
IT Italiano xaaliyaaniffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
BG Български البلغارية
AZ Azərbaycan azriffaa
EL Ελληνικά اليونانية
UZ O‘zbek uzbeekiffaa
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
LN Lingala اللينجالا
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
BM Bambara البامبارية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية
DA Dansk الدنماركية
RN Kirundi الكيروندي
KMR Kurmancî الكرمنجية
MS Bahasa Melayu الملايو