1. fuula hangafaa ykn tokkoffaa
  2. tarreewwan
  3. aqiidaa

hadiisa Namni Rabbiin Rabbummaa isaa jaallate, islaama amantummaa isaa jaallate, Muhammadiin ergamummaa isaa jaallate mi'aa iimaanaa dhandhameera

عَنِ الْعَبَّاسِ بْنِ عَبْدِ الْمُطَّلِبِ رضي الله عنه أَنَّهُ سَمِعَ رَسُولَ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ، يَقُولُ:
«ذَاقَ طَعْمَ الْإِيمَانِ مَنْ رَضِيَ بِاللهِ رَبًّا، وَبِالْإِسْلَامِ دِينًا، وَبِمُحَمَّدٍ رَسُولًا».

Abbaas ibnu Abdulmuxxalib irraa akka odeeffametti -Rabbii isa irraa haa jaallatu- ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuun dhaga'e:
«Namni Rabbiin Rabbummaa isaa jaallate, islaama amantummaa isaa jaallate, Muhammadiin ergamummaa isaa jaallate mi'aa iimaanaa dhandhameera».

sirrii Muslimtu gabaase Sahiiha muslim - 34

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- mu'uminni iimaana isaa kan qalbiin isaa isa irratti ragga'e keessatti dhugoomsaa ta'e, bal'ina, gammachuu, mi'aa iimaanaa fi Rabbitti dhihaachuu qalbii isaatiin akka argatuu fi ittis beekamu himani, wantoota sadeen kana kan jaallatu yoo ta'e:
Jalqaba: Rabbiin Rabbummaa isaa jaallate, sunis waan Rabbiin irraa isatti dhufu, Rabbummaan isaa waan itti qajeelchu rizqii fi haalowwan qooduu irraa, qalbii isaa keessatti waan sana keessatti mormii tokkollee qalbii isaa keessatti arguu dhabuuni, Rabbiin malee waan jiru Rabbummaa isaa kan hin barbaanne.
lammaffaan: islaama amantummaa isaa jaallate, sunis waan islaamummaan of keessatti qabate, ajajootaa fi dirqamoota isa keessa jiruuf qomni isaa bal'achuudha, karaa islaama malee jiru kan hin deemne ta'ee.
Sadaffaan: Muhammadiin -Rabbiin rahmtaa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ergamummaa isaa jaallachuudha, sunis hunda waan isaan ittiin dhufan shakkii fi keessa deddeebii tokkoon maletti qomni isaa isaaf bal'atee itti gammaduuni, adeemsa karaa isaaniitiin wol simatu malee hin deemu.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Akkuma mi'aan nyaataa fi dhugaatii afaaniin dhandhamamutti, iimaanni mi'aa fi dhandhama qalbiin dhandhamamu qaba.
  2. Qaamni yeroo fayyaa qabu malee mi'aa nyaataa fi dhugaatii hin argu, akkasuma qalbiinis dhukkuba yaada jallisaa fi fedhiilee qalbii kan haraama ta'an irraa yoo nagaa ta'e, mi'aa iimaanaa argata, yeroo dhukkubsatetti immoo mi'aa iimaanaa hin argatu, inumaa fedhiilee fi badiilee irraa waan badiin isaa isa keessa jiru mi'eeffachuutu mala.
  3. Ilmi namaa tokko yeroo waan tokko jaallatee bareedaas isa taasise dhimmi isaa isatti laafa, waan isaa irraa homaa wonti tokko isatti hin jabaatu, waan inni ittiin dhufe hundatti gammada, gammachuun isaa qalbii isaatiin wol makata, mu'uminnis akkasuma yeroo iimaanni qalbii isaa seenetti, Rabbii isaatiin buluun isatti laafti, lubbuun isaas isa mi'eeffatti, dadhabbiin isa keessatti ta'u isatti hin ulfaatu.
  4. Aalimni islaamaa Ibnui Qayyim akkas jedhe: hadiisni kun Rabbummaa isaa, gabbaramummaa isaa jaallachuu, ergamaa isaas jaallachuu, isa jala butamuu fi amantaa isaa jaallachuu fi isa fudhachuu of keessatti qabata.

Garsisuu hiikowani

51 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ID Indonesia Indoneziyaffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
TA தமிழ் afaan taamilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
KY Кыргызча qargiiziffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
CS Čeština cheekiffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
AZ Azərbaycan azriffaa
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية