1. fuula hangafaa ykn tokkoffaa
  2. tarreewwan
  3. sadarkaaleefii naamusoota

hadiisa Rabbiin hojii irraa waan qulqullaa'ee isa qofaaf ta'ee fi kan fuulli isaa ittiin barbaadame malee hin qeebalu

عَنْ أَبِي أُمَامَةَ الْبَاهِلِيِّ رضي الله عنه قَالَ:
جَاءَ رَجُلٌ إِلَى النَّبِيِّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ، فَقَالَ: أَرَأَيْتَ رَجُلًا غَزَا يَلْتَمِسُ الْأَجْرَ وَالذِّكْرَ، مَا لَهُ؟ فَقَالَ رَسُولُ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ: «لَا شَيْءَ لَهُ» فَأَعَادَهَا ثَلَاثَ مَرَّاتٍ، يَقُولُ لَهُ رَسُولُ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ: «لَا شَيْءَ لَهُ» ثُمَّ قَالَ: «إِنَّ اللَّهَ لَا يَقْبَلُ مِنَ الْعَمَلِ إِلَّا مَا كَانَ لَهُ خَالِصًا، وَابْتُغِيَ بِهِ وَجْهُهُ»

Abuu Umaamaa Al-baahilii irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe:
Namichi tokko gara nabiyyiitti dhufee -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhe: namicha mindaa fi maqaan isaa dubbatamuu barbaadee duule agartee, maaltu isaaf jira? ergamaan Rabbiis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: «Homaa isaaf hin jiru» yeroo sadi irra deddeebi'uun gaafate, ergamaan Rabbiis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeroo sadanuu «Homaa isaaf hin jiru» jechuun deebisaniif, eegasii akkas jedhani: «Rabbiin hojii irraa waan qulqullaa'ee isa qofaaf ta'ee fi kan fuulli isaa ittiin barbaadame malee hin qeebalu».

sirrii رواه النسائي sunana nasaa'ii - 3140

Ibsaa

Murtoo namicha mindaa Rabbiin irra barbaaduu fi nama birattis faaruu argachuuf jecha duulaa fi qabsoof ba'ee gafachuuf jecha namichi wohii gara nabiyyiitti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhufee, mindaa ni argataa? jedhee gaafate, ergamaan Rabbiis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- mindaan homaa isaaf hin jiru jedhanii deebisaniif; niyyaa isaa keessatti waan Rabbiin malee jiru waan qindeesseef jecha, namichi gaaffii isaa yeroo sadi'iif irra deebi'uun nabiyyii gaafate -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isaanis yeroo sadanuu deebiidhuma jalqabaa gadi jabeessanii, mindaan isaaf hin jiru jechuun deebisaniif, eegasii nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ulaagaa hojiin Rabbiin biratti ittiin qeebalamu isatti himani: Rabbiin hojii irraa hundi isaatuu osoo nama tokkollee isatti hin qindeessin Rabbiif jecha ta'uu fi fuula isaa barbaachuuf ta'u malee hin qeebalu.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Rabbiin hojii irraa qulqulluu Rabbi qofaaf ta'e malee hin qeebalu, akkasumas akkaataa karaa nabiyyii isaa irratti yoo ta'e malees hin qeebalu, Rabbiin rahmtaa fi nageenya isaan irratti haa buusu.
  2. Deebisaan nama fatwaa godhuu toluu irraa fatwaan isaa waan gaafataan barbaaduu fi dabalata biraa kan of keessaa qabu ta'uudha.
  3. Waan tokko irraa irra deddeebi'uun gaafachuun dhimmichi jabaa ta'uu isaa mirkaneessuutu keessa jira.
  4. Qabsaa'aan dhugaa nama jechi Rabbii akka ol ta'uf qabsaa'ee fi niyyaa qulqulleeffachuu wajjin mindaa barbaachaaf nama qabsaa'edha, qabsoon isaa duuniyaaf jecha hin ta'u.

Garsisuu hiikowani

51 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ID Indonesia Indoneziyaffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
TA தமிழ் afaan taamilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
KY Кыргызча qargiiziffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
CS Čeština cheekiffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
AZ Azərbaycan azriffaa
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية