عَنْ عَبْدِ اللهِ بْنِ عَمْرٍو رَضيَ اللهُ عنهما قَالَ:
رَجَعْنَا مَعَ رَسُولِ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ مِنْ مَكَّةَ إِلَى الْمَدِينَةِ حَتَّى إِذَا كُنَّا بِمَاءٍ بِالطَّرِيقِ تَعَجَّلَ قَوْمٌ عِنْدَ الْعَصْرِ، فَتَوَضَّؤُوا وَهُمْ عِجَالٌ، فَانْتَهَيْنَا إِلَيْهِمْ وَأَعْقَابُهُمْ تَلُوحُ لَمْ يَمَسَّهَا الْمَاءُ فَقَالَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ: «وَيْلٌ لِلْأَعْقَابِ مِنَ النَّارِ أَسْبِغُوا الْوُضُوءَ».

Abdullaah bin Amrii irraa odeeffamee Rabbiin isaan lamaan irraa haa jaallatu akkana jedhe:
Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmanni irraa haa jiraatu- waliin Makkaa irraa gara Madiinaa deebinee, yeroma bishaan wahii kan karaa irra jiru bira geenne namoonni yeroo Asrii irratti salaatuf sardamanii, haala sardaminsa keessa jiraniin wuduu'a ni godhatan, bishaan ishee tuquu dhabuu irraa kan ka'een haala koomeen isaanii iftuun isaan bira geenne, Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni Isaan irra haa jiraatu- akkana jedhan: «Koomeewwaniif ibidda irraa adabbiin mirkanaa'e, wuduu'a guutaa godhaa».

sirrii Bukharif muslim irratti waliigalan Sahiiha muslim - 241

Ibsaa

nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irraa haa buusu- sahaabota isaanii woliin makkaan irraa gara madiinaatti imalan, karaa isaanii irratti bishaan argatanii, gariin sahaabotaa salaata asrii salaatuuf jecha wuduu'a godhachuutti jarjarani, hanga bishaan irraa goggoginni duuba koomee isaanii nama ilaalu tokkoof mul'atutti, nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: worreen yeroo wuduu'a godhatan duuba faana isaanii dhiquu keessatti hirdhisaniif adabbii fi badiitu ibidda keessatti isaaniif jira, eegasii wuduu'a guutanii akka godhatanutti isaan ajajani.

bu.aa hadiisa irraa

  1. wuduu'a keessatti miila lameen dhiquun dirqama ta'uu isaa; osoo irra haxaawuun ni ta'a ta'ee nama koomee dhiquu dhiise ibiddaan hin dinniinu ture.
  2. humnoota qaamaa kan dhiqamtu waliin gahanii dhiquun dirqama ta'uu isaa, namni waan dhiquun dirqama ta'e irraa hanga xiqqoollee ta'u beekaa fi taati'oof jecha dhiise salaanni isaa sirrii hin taatu.
  3. barbaachisummaa wollaalaa barsiisuu fi qajeelfama isaaf kennuuti.
  4. beekaan dirqamoolee fi sunnaawwan irraa waan baduu isaa argu akkaataa ta'uun dhoorga.
  5. Aalimni islaamaa Muhammad Ishaaq addahlawiin akkana jedhe: wuduu'a guutuun haala sadi'iin ilaalama: kan dirqama ta'e inni bakka wuduu'aa yeroo tokkoof wol geessisuudha, kan sunnaa ta'e inni yeroo sadii dhiquudha, kan jaallatamaa ta'e inni immoo yeroo sadii diquu waliin dheeressuudha.

Garsisuu hiikowani

52 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ID Indonesia Indoneziyaffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
TA தமிழ் afaan taamilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
KY Кыргызча qargiiziffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
YO Yorùbá yoorbaffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
CS Čeština cheekiffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
AZ Azərbaycan azriffaa
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية