1. fuula hangafaa ykn tokkoffaa
  2. tarreewwan
  3. fiqhiifii beekkomsa hundee isaa

hadiisa Muslimni kamuu haala wuduu'a isaa bareeffateen wuduu'a godhatee, eegasii dhaabbatee haala qalbii isaatii fi fuula isaatiin itti deebi'een rak'aa lama salaannaan jannanni isaaf dirqama taatu malee hin haftu

عَنْ عُقْبَةَ بْنِ عَامِرٍ رضي الله عنه قَالَ: كَانَتْ عَلَيْنَا رِعَايَةُ الْإِبِلِ فَجَاءَتْ نَوْبَتِي فَرَوَّحْتُهَا بِعَشِيٍّ فَأَدْرَكْتُ رَسُولَ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَائِمًا يُحَدِّثُ النَّاسَ فَأَدْرَكْتُ مِنْ قَوْلِهِ:
«مَا مِنْ مُسْلِمٍ يَتَوَضَّأُ فَيُحْسِنُ وُضُوءَهُ، ثُمَّ يَقُومُ فَيُصَلِّي رَكْعَتَيْنِ، مُقْبِلٌ عَلَيْهِمَا بِقَلْبِهِ وَوَجْهِهِ، إِلَّا وَجَبَتْ لَهُ الْجَنَّةُ» قَالَ فَقُلْتُ: مَا أَجْوَدَ هَذِهِ، فَإِذَا قَائِلٌ بَيْنَ يَدَيَّ يَقُولُ: الَّتِي قَبْلَهَا أَجْوَدُ، فَنَظَرْتُ فَإِذَا عُمَرُ قَالَ: إِنِّي قَدْ رَأَيْتُكَ جِئْتَ آنِفًا، قَالَ: «مَا مِنْكُمْ مِنْ أَحَدٍ يَتَوَضَّأُ فَيُبْلِغُ - أَوْ فَيُسْبِغُ - الْوَضُوءَ ثُمَّ يَقُولُ: أَشْهَدُ أَنْ لَا إِلَهَ إِلَّا اللهُ وَأَنَّ مُحَمَّدًا عَبْدُ اللهِ وَرَسُولُهُ إِلَّا فُتِحَتْ لَهُ أَبْوَابُ الْجَنَّةِ الثَّمَانِيَةُ يَدْخُلُ مِنْ أَيِّهَا شَاءَ».

Uqbaa ibnu Aamir irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: dabaree gaala tiksuutu nu gidduutti ture, dabareen koo dhufnaan galgala gara mooraa isiitti yeroon deebise, ergamaa Rabbiitii dhaabbatanii namoota haasofsiisanii isaan qaqqabe, jecha isaanii irraa akkana jechuun qaqqabe:
«Muslimni kamuu haala wuduu'a isaa bareeffateen wuduu'a godhatee, eegasii dhaabbatee haala qalbii isaatii fi fuula isaatiin itti deebi'een rak'aa lama salaannaan jannanni isaaf dirqama taatu malee hin haftu» uqbaanis: maalumaatu isii tana bareechen jedhe, yeruma kana dubbataan wohii ana fuulduratti akkas jedhe: tan isii duraatu irra bareedduudha, eegasii yeroon ilaalu umaris: ani amma reefuu dhufuu kee si argeen jira jechuun akkas jedhe: «Tokkon keessan haala isa guuteen yookaan geessiseen wuduu'a godhatee, eegasii, Ash-hadu Anlaa ilaaha illallaah wa Anna Muhammadan Abdullaahi wa Rasuuluuhuu jedheera taanaan balballi jannataa saddeettan isaaf banamtee isii keessaa karaa fedheen seenu malee hin hafu».

sirrii Muslimtu gabaase Sahiiha muslim - 234

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- sadarkaa gurguddoo lama namootaf ibsan:
Inni jalqabaa: namni wuduu'a geessisee, guuttatee akka karaa godhametti, qaama hundaa haqa isaa guutuun wuduu'a godhatee, eegasii immoo Ash-hadu An laa ilaaha illallaahu, wa anna Muhammadan Abdullaahi warasuuluhuu jedhe; balballi jannataa saddeettan isaaf banamee isii keessaa balbala fedheen seenu malee hin hafuudha.
Inni lammaffaan: namni wuduu'a guutuu godhatee, eegasii booda wuduu'a kanaatii rak'aa lama haala qalbii isaatiin ikhlaasaa fi khushuu'aan itti gara galeen, fuula isaatii fi qaama isaa hundaan Rabbiif gadi of qabee salaannaan jannanni isaaf dirqama taatu malee hin hafuudha.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Hojii xinnoo irratti mindaa guddaa kennuun guddina tola Rabbii ol ta'ee mul'isa.
  2. Wuduu'a geessisuu fi guutuun karaa godhamuu fi isa booda salaata rak'aa lama khushuu'iidhaan salaatuu fi mindaan guddaan akka sanaan argamuudha.
  3. Wuduu'a geessisuun, isa boodaan zikrii kana jechuun, sababaa ittiin jannata seenan irraati.
  4. Zikrii kana jechuun nama dhiqatuufis jaallatamaa ta'uu isaa.
  5. Bolola sahaabaan beekumsa barachuu, isa facaasuu fi dhimmoota jireenya isaanii irratti wol gargaaruu keessatti qabaniidha.
  6. Akkuma wuduu'a keessa qaama xurii irraa qulqulleessuun jiru, zikrii booda wuduu'aatii godhamu keessa immoo qalbii shirkii irraa qulqulleessuun jira.

Garsisuu hiikowani

52 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
TA தமிழ் afaan taamilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
KY Кыргызча qargiiziffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
CS Čeština cheekiffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
AZ Azərbaycan azriffaa
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية