عَنِ الحُسَينِ بنِ عَلِيٍّ بنِ أَبِي طَالِبٍ رضي الله عنهما قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«الْبَخِيلُ مَنْ ذُكِرْتُ عِنْدَهُ فَلَمْ يُصَلِّ عَلَيَّ».

Huseen bin Aliyyi bin Abii Xaalib irraa akka odeeffametti -Rabbiin isaan lamaan irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- akkana jedhan:
«Namni don'i nama ani isa biratti dubbatamee salawaata narratti hin buusini».

sirrii رواه الترمذي والنسائي في الكبرى وأحمد sunana kunraa nasaa'ii - 8046

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- bakka maqaan, ykn kuniyaan, ykn sifti isaanii dubbatamuun dhaga'ametti salawaata irratti buusuu dhabuu irraa akeekkachiisanii, akkana jedhan: Don'i hamaan nama ani isa biratti dubbatamee salawaata na irratti hin buusini; sun wantoota baay'efi.
Tokkoffaa: Inni waan sababa isaatiin waan xiqqoos ta'ee baay’ee hin dhabnee fi qarshii fi carraaqqii wahiituu irraa hin barbaannen don'oomuudha.
Lammaffaa: Inni lubbuu ofitti don'oomee mindaa silaa salawaata Nabiyyii irratti -nagaa fi rahmatni irratti haa jiraatu- buusuun argatu of dhoorge; Sababni isaas inni salawaata isaan irratti buusuu irraa diduun don'oomee, dirqama silaa ajaja fudhatee raawwatee mindaa itti argatu raawwachuu waan dideef jecha.
Sadaffaa: Isaan irratti salawaata buusuun haqa Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- tokko tokko guutuu of keessaa qaba, Inni (Nabiyyiin sallallaahu aleyhi wasallam) isa nu barsiise, isa nu qajeelche, isa gara Rabbii ol ta'etti nu waame, isa wahyii fi seera shari'aa Islaamaa kanaan nuuf dhufe, kanaaf isaan -Eega Rabbii ol ta'eetii- sababaa qajeeluu keenyaati, Namni isaan irratti salawaata hin buufne dhugumatti lubbuu ofitti don'oome, akkasumas haqoota isaanii keessaa haqa gadi aanaa diduun dhugumatti Nabiyyii irrattis -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- don'oomeera.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Nabiyyii irratti -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- salawaata buusuu diduun mataa don'ummaati.
  2. Nabiyyii irratti -nagaa fi ramanni irra haa jiraatu- salawaata buusuun yeroo hundumaa irra caalaa hojii gaggaari fi Rabbiif ajajamuu irraayi, yeroo maqaan isaanii dhahamu daran jabaata.
  3. Al-Nawawiin akkana jedhe: Namichi yeroo Nabiyyii irratti -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- salawaata buusu, salaataa fi salaama walitti qabuudha qaba, tokko qofa irratti of hin daangessu; kanaaf akkana qofa hin jedhu: (Rabbiin rahmata irratti haa buusu), akkasumas akkana qofaas hin jedhu: (nageenyi isaan irratti haa jiraatu).
  4. Abuu Al-Aaliyaan jecha isaa kan akkana jedhu keessatti: (Dhugumatti Rabbii fi Malaaykonni Isaa Nabiyyii irratti rahmata ni buusu) akkana jedhe: Rabbiin rahmata buusuun Nabiyyii faarsu dha: salawaata buusuun malaa'ikootaa fi ilama namaa ammoo du'aa'ii gochuu dha.
  5. Al-Haliimiin akkana jedhe: Hiikni «Yaa Rabbi Muhammad irratti rahmata buusi» jedhuu: Yaa Rabbi yaadannoo isaa ol kaasuun, amantii isaa ifa gochuun, seera isaa dachii kana irratti hanbisuun addunyaa kana irratti isa guddisi, Aakhiratti ammoo ummata isaaf jaarsummaa dhaabbachuun, mindaa isaa baay’isuun, sadarkaa isaa warra duraa fi boodaaf eddoo faarfamaa ta'etti mul'isuun, warra ragaa ta'an kan Rabbitti dhiheenya qaban hundumaa irra isa dursuun isa guddisi.

Garsisuu hiikowani

51 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
UG ئۇيغۇرچە igooriffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
TA தமிழ் afaan taamilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
KY Кыргызча qargiiziffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية