1. fuula hangafaa ykn tokkoffaa
  2. tarreewwan
  3. aqiidaa

hadiisa akkas jenneen: Ati gooftaa keenya, isaanis akkas jedhan: “Gooftaan Rabbiin qofa”, ammas nuti ni jenne: ati gama sadarkaatii irra caalaa keenya, akkasumas gama arjummaatii ati irra guddaa keenya, isaanis ni jedhan: “jecha keessan jedhaa, ykn garii jecha keessanii jedhaa, Sheyxaanni waan fedhe akka isinitti hin fayyadamne”

عَن عَبدِ الله بنِ الشِّخِّير رضي الله عنه قَالَ:
انْطَلَقْتُ في وَفدِ بَنِي عَامِرٍ إِلى رَسُولِ الله صلى الله عليه وسلم، فَقُلنا: أَنتَ سيّدُنَا، فقال: «السَّيدُ اللهُ»، قُلنا: وَأَفْضَلُنا فَضْلاً، وأعظَمُنا طَوْلاً، فقال: «قُولُوا بِقَولِكُم، أَو بَعضِ قولِكُم، وَلَا يَسْتَجْرِيَنَّكُم الشَّيطَانُ».

Abdullaah bin Al-shikhiir irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkana jedhe:
Jiila warra Banii Aamiir waliin gara Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhufee, akkas jenneen: Ati gooftaa keenya, isaanis akkas jedhan: “Gooftaan Rabbiin qofa”, ammas nuti ni jenne: ati gama sadarkaatii irra caalaa keenya, akkasumas gama arjummaatii ati irra guddaa keenya, isaanis ni jedhan: “jecha keessan jedhaa, ykn garii jecha keessanii jedhaa, Sheyxaanni waan fedhe akka isinitti hin fayyadamne”.

sirrii abuu daawudiifii ahmad odeessan Sunana abbaa daawud - 4806

Ibsaa

Gareen tokko gara Nabiyyitti dhufanii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeroo isaan bira gahan jechoota tokko tokko kan Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hin jaallanneen isaan faarsan, Ni jedhan: “Ati gooftaa keenya”, Isaanis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhaniin: "Gooftaan Rabbiin qofa" Uumama Isaa irratti gooftummaa guutuu kan qabu Isuma qofa, uumamni hundi gabroota Isaati. Isaanis akkas jedhan: Ati "gama sadarkaatii irra caalaa keenya" gama kabajaatihis ati irra ol aanaa keenya. Ati “gama arjumaatii irra guddaa keenya” akkasumas ati gama kennaatii irra hedduu keenya. Eegasii Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- haasaa isaanii kan barame akka dubbatan, jechoota hin jirre dubbachuuf akka hin rakkinnee fi gara daangaa darbuu shirkii fi wantoota shirkitti geessan irraa waan haraama ta'e keessa nama galchutti sheyxaanni akka isaan hin harkifne isaan qajeelchan. ​

bu.aa hadiisa irraa

  1. Lubbuu sahaaboota isaanii keessatti Guddina sadarkaa Nabiyyiiti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-, akkasumas kabajaa sahaaboonni isaanii isaanif qabaniidha.
  2. Jechoota keessatti of dirqisiisuu irraa dhoorguu fi yeroo dubbatan of qusachaa dubbachuun barbaachisaa ta'uudha.
  3. Jechoota fi gochoota towhiida irratti rakkoo fidan irraa towhiida eeguudha.
  4. Karaa ittiin sheyxaanni namatti galuun keessaa tokko waan ta’eef daangaa darbuu irraa dhoorguudha.
  5. Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- sayyida ilmaan Aadam yoo ta'an, wanni hadiisicha keessatti dhufe of gadi qabuu irraa kan ka'ee fi ummanni isaanii isaan keessatti daangaa darbuu sodaa irraa kan ka'eeniidha.

Garsisuu hiikowani

59 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
UG ئۇيغۇرچە igooriffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
FR Français Faransaayiffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
TA தமிழ் afaan taamilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
KY Кыргызча qargiiziffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
YO Yorùbá yoorbaffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
SO Soomaali HSomaaliffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
CS Čeština cheekiffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
IT Italiano xaaliyaaniffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
AZ Azərbaycan azriffaa
UZ O‘zbek uzbeekiffaa
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية
KMR Kurmancî الكرمنجية