1. fuula hangafaa ykn tokkoffaa
  2. tarreewwan
  3. aqiidaa

hadiisa “Namni qaxxasa/asmaa rarraafate shirkii raawwateera”

عَنْ عُقْبَةَ بْنِ عَامِرٍ الْجُهَنِيِّ رضي الله عنه:
أَنَّ رَسُولَ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ أَقْبَلَ إِلَيْهِ رَهْطٌ، فَبَايَعَ تِسْعَةً وَأَمْسَكَ عَنْ وَاحِدٍ، فَقَالُوا: يَا رَسُولَ اللهِ، بَايَعْتَ تِسْعَةً وَتَرَكْتَ هَذَا؟ قَالَ: «إِنَّ عَلَيْهِ تَمِيمَةً»، فَأَدْخَلَ يَدَهُ فَقَطَعَهَا، فَبَايَعَهُ، وَقَالَ: «مَنْ عَلَّقَ تَمِيمَةً فَقَدْ أَشْرَكَ».

Uqbaa bin Aamir Al-Juhaanii irraa gabaafame Rabbiin irraa haa jaalatu:
Tuutni namootaa takka gara Ergamaa Rabbiitti dhufanii, nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, nama sagal ahdii godhanii, nama tokko dhiisanii jennaan, isaanis akkana jedhan: Yaa Ergamaa Rabbii nama sagal ahdii gootee isa kan dhiistee? Isaanis akkana jedhan: “inni qaxxasa/asmaa qaba”, isaan akkas jennaan namichi harka isaa keessa galchee ishee kute, sana booda Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- isa ahdii godhanii, akkana jedhan: “Namni qaxxasa/asmaa rarraafate shirkii raawwateera”.

hasani ahmad odeesse Musnada Ahmad - 17422

Ibsaa

Gareen tokko gara Nabiyyitti dhufee, nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, lakkoofsi isaanii kudhan ture. Isaan keessaa nama sagal Islaamummaa fi isaan hordofuu irratti ahdii godhanii, kurnaffaa ahdii osoo hin godhin dhiisan, yeroo sababaa sanaa irraa gaafataman nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatuu akkan jedhan: Qaxxasa/asmaa qaba, isheenis waan hamaa ykn ija budaa ofirraa ittisuuf jecha callee ykn wantoota biroo irraa mormatti ykn qaamatti hidhamu ykn fannifamuudha. Namichis harka isaa bakka qaxxasa/asmaa galchee, irraa kutee, ofirraa baase. Nabiyyiin nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu yeroo sanatti ahdii isa godhanii, akkas jedhe, Qaxxisa/asmaa irraa akeekkachiisu fi murtii ishee ibsuuf akkana jedhan: “Namni qaxxasa/asmaa godhate shirkii raawwateera”.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Namni Rabbiin alatti waan biraatti hirkate Rabbiin faallaa yaada isaa saniin isa ilaala.
  2. qaxxasa/asmaa fannifachuun miidhaa fi ija budaa namarraa ittisuu keessatti sababaa ta'a jedhanii yaaduun shirkii xiqqaadha, yoo wanni fannifatan kun ofii isaatii nama fayyada jedhanii yaadan ammoo inni shirkii guddaadha ta'a.

Garsisuu hiikowani

58 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
UG ئۇيغۇرچە igooriffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
FR Français Faransaayiffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
KY Кыргызча qargiiziffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
YO Yorùbá yoorbaffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
SO Soomaali HSomaaliffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
CS Čeština cheekiffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
IT Italiano xaaliyaaniffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
AZ Azərbaycan azriffaa
UZ O‘zbek uzbeekiffaa
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية
KMR Kurmancî الكرمنجية