1. fuula hangafaa ykn tokkoffaa
  2. tarreewwan
  3. sadarkaaleefii naamusoota

hadiisa Tokkoon keessan manaama jaallatu yeroo arge, inni Rabbi biraa waan ta’eef, Rabbiin haa galateeffatu, namattis haa himu, waan biraa kan hin jaallanne yeroo arge immoo inni Sheyxaana irraayi, kanaaf sharrii isaa irraa haa maganfatu, namattis hin himin, sun isa hin miidhu

عَنْ أَبِي سَعِيدٍ الخُدْرِيِّ رضي الله عنه أَنَّهُ سَمِعَ رَسُولَ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ يَقُولُ:
«إِذَا رَأَى أَحَدُكُمُ الرُّؤْيَا يُحِبُّهَا فَإِنَّهَا مِنَ اللَّهِ، فَلْيَحْمَدِ اللَّهَ عَلَيْهَا وَلْيُحَدِّثْ بِهَا، وَإِذَا رَأَى غَيْرَ ذَلِكَ مِمَّا يَكْرَهُ، فَإِنَّمَا هِيَ مِنَ الشَّيْطَانِ، فَلْيَسْتَعِذْ مِنْ شَرِّهَا، وَلاَ يَذْكُرْهَا لِأَحَدٍ، فَإِنَّهَا لَنْ تَضُرَّهُ».

Abuu Sa’iid Al-Khudrii irraa akka odeeffametti, Rabbi irraa haa jaallatu, Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas jedhan:
«Tokkoon keessan manaama jaallatu yeroo arge, inni Rabbi biraa waan ta’eef, Rabbiin haa galateeffatu, namattis haa himu, waan biraa kan hin jaallanne yeroo arge immoo inni Sheyxaana irraayi, kanaaf sharrii isaa irraa haa maganfatu, namattis hin himin, sun isa hin miidhu».

sirrii Bukhaariitu gabaase Sahiiha bukhaarii - 7045

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- manaamni gaarii fi gammachiisaa ta'e Rabbi biraa akka ta’e himanii, namichi sana irratti Rabbiin galateeffatee, akka namatti isa himu qajeelfama kennan, Waan jibbuu fi gaddisiisu yeroo arge ammoo, inni sheyxaana biraa waan ta'eef, sharrii isaa irraa Rabbitti maganfatee, namatti akka hin himne qqajeelfama kennan, inni isa hin miidhu, Rabbiin wanta dubbatame kana miidhaa abjuu sanaan dhufu irraa nagaa bahuuf sababa waan godheef jecha.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Qooddaalee abjuu: 1- Abjuu gaariidha, innis abjuu dhugaa fi gammachuu Rabbi irraa tahe kan inni ishee argu ykn kan namni biroo isaaf argu. 2. Haasaa lubbuuti, isheen waan namichi osoo dammaqee jiruu ofiin ofitti haasa'uudha. 3. Gaddaa fi sodaachisuu sheyxaanaa fi cinqii isaati ilma Aadam gaddisiisuuf jecha.
  2. Waa'ee abjuu gaarii ilaalchisee wanti dubbatame walitti qabaan waan sadii: Rabbiin galateeffachuu, itti gammaduu fi waa'ee isaa namatti himuudha, galuu warra isa jaallatuuf malee warra jibbuuf miti.
  3. Walitti qabaan waan abjuu jibbamaa keessatti dubbtamee waan shan of keessatti hammata: Hammeenya isaa fi sheyxaanaa irraa Rabbiitti maganfachuu, Yeroo hirriba irraa ka’u, yeroo sadii gama bitaa isaa irratti tufuu fi nama tokkotti waa'ee isaa dubachuu dhabuudha, hirriiba isaatti deebi'uu yoo barbaade cinaacha dura irra jiru irraa ni jijjiirata, akkas godhe taanan abjuun sun isa hin miidhu.
  4. Ibnu Hajar akkana jedhe: Ogummaan kana keessa jiru, namichi abjuu gaarii nama hin jaalannetti yoo hime, jibbaa ykn inaaffaa irraa kan ka’een haala inni hin jaalanneen isaaf hiikuu danda’a. Akka sanatti argamu danda'a ykn gaddaa fi dhiphinni itti dhagaʼamuu dandaʼa, sababaa sanaatiif nama hin jaalannetti akka hin himne ajajani.
  5. Yeroo qananiin argamee tolli namaaf haaromfametti Rabbiin galateeffachuun barbaachisaa akka ta'eedha, suni qananichi itti fufiinsa qabaachuuf sababaadha.

Garsisuu hiikowani

51 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
UG ئۇيغۇرچە igooriffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
TA தமிழ் afaan taamilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
YO Yorùbá yoorbaffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية