1. fuula hangafaa ykn tokkoffaa
  2. tarreewwan
  3. sadarkaaleefii naamusoota

hadiisa Akka ati jette kana ati yoo taate akka waan daaraa isaan siphachiifteeti, waan akka sanitti itti fufteen gargaaran Rabbiin biraa ta'e si waliin ta'uu irraa hin deemu

عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رضي الله عنه:
أَنَّ رَجُلًا قَالَ: يَا رَسُولَ اللهِ إِنَّ لِي قَرَابَةً أَصِلُهُمْ وَيَقْطَعُونِي، وَأُحْسِنُ إِلَيْهِمْ وَيُسِيئُونَ إِلَيَّ، وَأَحْلُمُ عَنْهُمْ وَيَجْهَلُونَ عَلَيَّ، فَقَالَ: «لَئِنْ كُنْتَ كَمَا قُلْتَ، فَكَأَنَّمَا تُسِفُّهُمُ الْمَلَّ وَلَا يَزَالُ مَعَكَ مِنَ اللهِ ظَهِيرٌ عَلَيْهِمْ مَا دُمْتَ عَلَى ذَلِكَ».

Abuu Hureyraa irraa akka odeeffametti Rabbiin irraa haa jaallatu:
Namichi tokko akkana jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii firan ani isaan fufu kan isaan na kutanin qaba, toltuun isaanitti hojjadha, isaan immoo hamtuu natti hojjatan, ani hamtuu isaanii danda'ee jiraadha, isaan immoo sana hin beekan, isaan akkana jedhaniin: «Akka ati jette kana ati yoo taate akka waan daaraa isaan siphachiifteeti, waan akka sanitti itti fufteen gargaaran Rabbiin biraa ta'e si waliin ta'uu irraa hin deemu».

sirrii Muslimtu gabaase Sahiiha muslim - 2558

Ibsaa

Namni tokko Nabiyyitti -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- fira tola itti oolu kan isaan faallaa sanaa itti hojjatan akka qabu himate, inni firummaa isaanii ni jabeessuudhaan isaanitti dhufa, isaan immoo isa ni muran, inni kheyrii hojjachuun isaanif toltuu yaada, garuu isaan miidhu fi itti garaa jabaachuun isatti hamtuu hojjatan, hamtuu isaanii danda'eeti isaanif dhiifama godha, garuu isaan jechaa fi gocha badaan hojii nama wallaalaa isatti hojjatan, wanti caqafame kun osoo jiruu firummaa isaanii tolchuu isaa itti fufaa?
Rasuullis -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhaniin: Yoo dubbiin akkuma ati jette kana ta’e, ati isaan salphiftee akka of tuffatan goodha jirta, akka waan ati daaraa ho’aa isaan nyaachiftuuti; tola oolinna kee baay'atee gochi isaanii badaa waan ta'eef jecha, gargaaran Rabbiin biraa ta'e kan isaan irratti si gargaaru fi badii isaanii si irraa deebisu si waliin ta'uu irraa hin deemu, ati isaanitti tola ooluu fi isaan badii sitti hojjachuu irraa waan dabbatte kana waan ati itti fufteen.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Hamtuu gaariin deebisuun namichi hamtuu hojjatu gara dhugaatti akka deebi'uuf ni gargaara, akkuma Rabbiin ol ta'e jedhetti: (Ishee toltuu taaten deebisi, yoo san inni gidduu keetif gidduu isaa diinummaan jiru akka jaalalloo firaa ta'uu agarta).
  2. Ajaja Rabbii raawwachuun, osoo miidhaan isarra ga’ellee, Rabbiin gabricha mu'umina ta'eef gargaarsa gochuuf sababaa ta’aadha.
  3. Firummaa kutuun addunyaa kana keessatti laalaa fi gidiraadha, Aakhiraa keessatti immoo dilii fi herrega namatti ta'a.
  4. Muslimni hojii gaarii hojjate Rabbitti herregachuu qabaadha, akkasumas miidhaan namootaa fi isaan isa kutuun Aadaa isaa gaarii ta'e irraa isa deebisuu hin qabuudha.
  5. Namni nama firummaa isaa fufeef harka kaffalu firummaa isaa fufaa miti, garuu inni dhugumaan firummaa fufa jedhamu nama yeroo firri isaa isa kute firummaa isaanii fufuudha.

Garsisuu hiikowani

50 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
TA தமிழ் afaan taamilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
YO Yorùbá yoorbaffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية