عن أَنَسِ بْنِ مَالِكٍ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ قَالَ: قَالَ النَّبِيُّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«تَسَحَّرُوا، فَإِنَّ فِي السَّحُورِ بَرَكَةً».

Anas Ibnu Maalik irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Nabiyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
"Suhuura nyaadhaa, suhuura keessa barakaatu jiraa".

sirrii Bukharif muslim irratti waliigalan Sahiiha bukhaarii - 1923

Ibsaa

Nabiyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- suhuuratti kakaasani, inni halkan gara dhumaa keessa soomaaf qophaa'uuf jecha nyaata nyaachuudha; barakaan(mindaa fi ajrii irraa toltuu hedduu) waan isa keessa jiruuf jecha, akkasumas yeroo dhuma halkanii keessa du'aa'iif ka'uu, sooma irratti ittiin jabaachuu, isaaf si'a godhachuu fi dadhabbii hirdhisuutu isa keessa jira.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Suhuura nyaachuun jaallatamaa ta'uu isaatii fi isa hojjachuun ajaja shari'aa hojii irra oolchuudha.
  2. Ibnu Hajar Fathul baarii keessatti akkas jedha: barakaan suhuura keessatti karaa adda addaatiin argama, innis sunnaa hordofuu, worra kitaabaa faallessuu, ibaadaa irratti isaan of jabeessuu, si'oomina dabalachuu, haala badaa beelli fidu deebisuu, yeroo sana keessa nama sadaqaa gaafatuuf yookaan nama isaa woliin nyaatuuf sababaa sadaqaa ta'uu, yeroo du'aa'iin ni qeebalama jedhamee yaadamu keessatti sababaa du'aa'ii fi zikrii ta'uu fi rafuun duratti niyyaa soomaa nama dagateef niyyaa qaqqabachuudha.
  3. Bareedina barsiisa nabiyyii -Rabbiin rahmtaa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akka qomni isaan ballatuu fi guddinni shari'aa akka isaan beekamuuf jecha murtoo sababaan waan wolitti hidhaniif.
  4. Aalimni Islaamaa ibnu Hajar akkas jedha: suhuuriin hanga xiqqaa waan namni nyaatuu fi dhuguutiin aragama.

Garsisuu hiikowani

47 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
UG ئۇيغۇرچە igooriffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
TA தமிழ் afaan taamilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية