عَن أَبِي هُرَيْرَةَ رضي الله عنه قَالَ:
سَأَلَ رَجُلٌ رَسُولَ اللهِ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ، فَقَالَ: يَا رَسُولَ اللهِ، إِنَّا نَرْكَبُ البَحْرَ، وَنَحْمِلُ مَعَنَا القَلِيلَ مِنَ الْمَاءِ، فَإِنْ تَوَضَّأْنَا بِهِ عَطِشْنَا، أَفَنَتَوَضَّأُ مِنَ الْبَحْرِ؟ فَقَالَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ: «هُوَ الطَّهُورُ مَاؤُهُ، الحِلُّ مَيْتَتُهُ».

Abuu Hureyraa irraa odeeffame, Rabbiin irraa haa jaallatu, ni jedhe:
Namichi tokko Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas jedhee gaafate: Yaa Ergamaa Rabbii, nuti galaana bahraa irra deemna, bishaan xiqqoo of harkatti qabanna, yoo ittiin wuduu’a raawwanne ni dheebonna, bishaan galaanatiin wuduu’a godhachuu ni dandeenyaa? Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan: «Bishaan isaa qulqulluudha, du'aan isaas halaala».

sirrii رواه أبو داود والترمذي والنسائي وابن ماجه وأحمد sunana tarmizii - 69

Ibsaa

Namichi tokko Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas jedhee gaafate: nuti qurxummii qabuuf ykn daldalaa fi kan kana fakkaataniif galaana irratti doonii yaabbanna, bishaan dhugaatii xiqqoo of biratti qabannee deemna, yoo wuduu'aa fi dhiqannaaf bishaan dhugaatii fayyadamne ni dhumata waan dhugnu hin argannu. Bishaan galaanaatiin wuduu’a gochuun nuuf ni hayyamamaa?
Isaanis, nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu, waa'ee bishaan galaanaa akkas jedhan: Bishaan isaa qulqulluu fi qulqulleessaadha; Wuduu’a godhachuu fi ittiin dhiqachuun ni danda’ama, waan galaana keessaa bahu kan akka qurxummii fi kkf, osoo hin qabamin du’aan isaa gubbaa bishaanitti ol bahee yoo argamellee nyaachuun ni danda’ama.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Du'aan bineensa galaanaa halaala, du'aa isatti wanni fedhame: bineensota bishaan galaanaa keessatti du'an kan bishaan keessa malee jiraachuu hin dandeenyeedha.
  2. Faayidaan gaafii sanaa akka guutamuuf jecha, waan gaafataan gaafate caalaa deebsisuudha.
  3. Bishaan yoo mi’aan, halluun ykn fooliin isaa waan qulqulluun yoo jijjiirame, osoo soogiddummaan, ho’i , qorri isaa fi kkf jabaatellee hanga bishaan qulqulluu ta’etti qulqulluuma ta’ee hafa.
  4. Bishaan galaanaa xuriiwwan gurguddoo fi xixiqqoos ni deemsisa, najisa akka tasaa qaama, ykn uffata ykn kkf irratti argame ni balleessa.

Garsisuu hiikowani

50 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
TA தமிழ் afaan taamilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
KY Кыргызча qargiiziffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية